Categories: Kaanaadaa Odeeyfannoo

Kaanaadaan Hoggantuu Miyanmaar lammummaa kabajaa kenniteefii turte irraa mulqite

Paarlaamaan Kaanaadaa torbee dabre dararaa fi ajjeechaa Miyanmaar keessatti muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame, duguuggaa sanyiiti jechuun labsuun isaa ni yaadatama. Paarlaamaan Kaanaadaan labsii san irratti, hoggantuun Miyanmaar Ang San Suchii dararaa fi ajjechaa Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame dhaabsisuudhaaf fedhii dhabuu isii cimsee balaallefate. Kanuma hordofuun Khamiisaa kaleessaa ammoo seera tumtoonni Kaanaadaa lammuummaa Kabajaa Ang San Suchiif kennamee ture sagalee guutuun irraa mulqan.

Suchiin bara 2007 keessa “qabsooftuu dimokrasii fi mirga namoomaa” jedhamtee bulchiinsa magaalaa Ottawa irraa lammummaa kabajaa argattee turte. Haata’u malee hoggantuun Miyanmaar tun, duula ajjechaa waraanni biyyattii muslimoota Rohingiyaa irratti raawwate, kan ummata 700,000 ol qe’ee isaa irraa buqqisuun gara biyya ollaatti baqachiise balaaleffatuu dhabuu isiitiif gar malee qeeqamaa turte.

Haaluma wal fakkaatuun bara dabrellee Bulchiinsi magaalaa Oxford, UK, badhaasa Kabajaa Ms Suchiif kennee ture, duguuggaa sanyii Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame dhaabsisuu dhabuu isiitiif kan irraa mulqe tahuun ni yaadatama.

Leave a Comment

Recent Posts

  • Awrooppaa
  • Koroonaa

Raashiyaan talaallii vaayrasii koroonaa kan jalqabaa faayiddarra olchuu jalqabuu isii ifoomsite

Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadimeer Puutiin addunyaarratti talaallii vaayrasii koroonaa kan jalqabaa faayidaarra akka oolu murteesse. Akka…

22 hours ago
  • Eeshiyaa
  • Odeeyfannoo

Muummichi Ministeera Lubnaan Mootummaan guututti angoo gadi lakkisuu beeksise

Dhoohinsa hamaa Kiibxata dabre qarqara Buufata Doonii magaalaa Beeyruut keessatti muudateen, hanga ammaatti yoo xiqqaate…

2 days ago
  • Odeeyfannoo
  • USA

Manni Murtii Ameerikaa Dhaaltuun Gonfoo Sa’uudii akka dhihaatuuf ajaja baase

Hogganaan Dhaabbata Tikaa Sa’uudii kan duraanii Sa’aad Al-Jabri, “dhaaltuun Gonfoo Sa’uudii Muhammad Bin Salmaan yaalii…

2 days ago
  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Mariin hidha laga Abbaay ilaalchisee biyyoota sadiin jiddutti geggeeffamu wixata irraa kan itti fufu tahuu ibsame

Mariin hidha laga Abbaay ilaalchisee jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin geggeeffamu biyyoota sadeen jiddutti Wixata dabre eegalame…

4 days ago
  • Afrikaa
  • Koroonaa
  • Odeeyfannoo

Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasii Koroonaatiin qabamanii miiliyoona 1 darbuu gabaafame

Dhaabbatni To’annoo Dhukkubaa Afrikaa (CDC) jedhamu akka gabaasetti, Ardii Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaatiin…

5 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Balaa lolaa Naannoo Affaariitti muudateen namoonni 49,000 ol qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’an

Balaan kun lagni Awaash guutuu hordofuun kan muudate yoo tahu, haga ammaatti aanaalee naannichaatti argaman…

5 days ago