header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOg-Barruu

Kaayyoon hedduu fuudhuu karaa godhamteef maali?

Qophii:  Usmaan Abdullaxiif

Haqa isaanii eeguu dandeenyaan Shari’aan Islaamaa dhiiraaf hiree takkaa ol fuudhuu lafa keessee jirti.
Hedduu fuudhuun karaa Ambiyaati. Karaa warra gaggaarii asiin dura kutaniiti. Ammoo wal qixxeysuu yoo dadhabe fuudha baay’suun sirrii miti.
Kaayyoon hedduu fuudhuu karaa godhamteef maali? Gariin keenya kana osoo hin hubatin, fuudhee karatti hafa. Ykn ifii dogongora keessa boorataa ‘shamarran masaanuu maaliif jibbiti’? Olola ja’u kaasa. Ati kaayyoo fuutuuf qabaannaan, isiilleen kaayyoo masaanuu balfituuf qabaachuu malti. Uumamaan shamarran masaanuu hin jaalatan. Tan masaanuu jaalattuus jiraachuu dandeysi. Dhiibbaa fiduu baannaan gama jaarsaatiin amallisii kun kabajamuufii qaba. Inuu dirqama isaati.  Dirqamaan masaanuu jaalachisiisuun Shari’aatti hin dhufne. Sun sani!

Kaayyoo hedduu fuunuuf keessaa muraasni:-

Hormaata bal’isinii gabroottan Rabbii heddummeysuufi. Hormaata baay’isuun hedduu fuudhuuni. Namni takka fuudhulleen, haadha mil’atee tan hedduu dhaltu fuudhuu qaba. Kanatti ajajamne! Tapha diinaa kanaan gawwoomuu hin qabnu, Shamarran keenya hormaata jaalachuu qabdi. Heddummina keenyaan boru Jaalo keenya Muhammad (SAW) ittiin dhaadata. Horaa heddummaadhaa! Heddumminni humna. Hormaanni, hordoftoota Diin kanaa guddisee, Nasrii Diin jarjarsa. Akka carraa tahee garuu shamarran gariin hormaata hin dandeysu. Kanaaf warri ilmaan hedduu barbaadu goree fuudha.

– Akka tasaa tahee dubartii hin dhalle(masheena) yoo fuute, ilmaan arkachuuf tan biroo fuudhuu dandeysa. Isiilleen jaarsa hin dhalchine biraa deemuu dandeysi. Kun waan Rabbi fide! Obsa barbaachisa. Tokkummaa hawaasaatiif adda bahuurra garuu osoo walumaan turanii filatama. Warri jaalala waliif qabaniin adda bahuun itti ulfaattee jiranis hedduudha. Jaalalti dhugaa sani. Maddi goggogee akka qalbiin isaan caphxe kanaa miti, boru Rabbiin gammachiisuu dandaha. Isaan kanaaf jabeysinee kadhanna. Yaa Rabbi ilmaan kenniifii bira guuti. Yaa Allaah!

Dhukkuba irraa tiiffamuufi. Fedhiin namaa walqixaa miti. Uruurtuu gosa biraatu nama keessa riphisee jira. Gariin jaartii takka qofarratti gabaabbachuun itti ulfaatti. Nama akkasiitiin “Hin fuudhinii taa’i” jechuuniin sagaggaalummaaf isa kakaasuudha. Sagaggaallaan ammoo dhukkuba fidee dhufa. Ykn dhukkuba asii baasee facaasa. Kanaaf warri amala kana qabu hamtuu dhukkubaa jalaa akka bahuuf hireen tun dhufte.

Naamusa horachuufi. Akkuma beekkamu, jaartii fi ilmaan dirqama sooruu kan qabu jaarsa. Kana Shari’aatu irra kaaye! Kanaaf namni dhiiraa tokko Rizqii barbaada lafa hedduu dhaabbata. Goda hedduu seena. Nama hedduunillee wal qunnamuu dandaha. Bakka deemu hedduutti wanni isa hawwataa jiraachuu dandeysi. Kana hundaan booji’amee osoo hin kufne, naamusa maatii fi kan mataasaa eeggachuuf fuudhuu dandaha.

Akka bare ykn fayyaa isaa eeggachuufi. Shamarran gariin amala hamaa qabaachuu dandeysi. Kun ammoo amala ykn fayyaa nama gariitiif rakkoodha. Maraachuu irra marihachuutu fala. Lubbuu dhabuu mannaa wanni sanii asii yoo badde wayya.

Kabajaa Diin kanaa eeguufi. Uumamaan dhalaatu dhiira irra baay’ata. Osoo namuu lama lamatti jaaramee achi bahee, shamarran hedduutu lafatti hafa. Yaadaafi fedhii nuun wal fakkaattu waan qabaniif, isaan kun lafatti hafuun nu yaachifti. Hundi keenya obboleeyyan keenyaan waan gaarii feena. Isiin kophaatti haftee umnaawuun nu hin gammachiiftu. Kanaaf nama kabajaa qabu, kan jaartii duraatiin wal qixxeysee isii bulchuu dandahuun geenya. Gaafana Diin, kabajaafi buruja keenyallee tiiffanne jechuudha.

26 Comments

  1. AS WR WB
    Animals urmiin kiyya 23 ,barataa University yoon ta’u, nama hadhaa fi abbaa jaalatudha haadha tiyyaa Gamachisuuf waniin hin goone hin jiru,
    yaa obolaa islamaa, beekumsa amantiillee hin qabu quraanaa fi usual qofan xiqoo qara’e yoo Rabbiin jedheef ittiin fufa jira jaalala dhugaa tan qabdu imaana tan qabdu fi haadha koof kan shee gamachiisuu kan dandeesu yaarabbi ………………………jedhaa Du’ai naaf godhaa.

  2. Dhugaa Anii barefama kanaraa wanii bayee baradhee yeroo heduu namnii malifi hadhaa waraa 2 fudhaa jedhee Gafii natii ta’ee garuu amma ergaa barefama kanaa dubisee debii isaa argadhee Galatomaa akanumatii itii fufaa

  3. mashaallah tibarakallaah rabbi isin irra haa jalatuu nama hojii hiikuu rabbi nuha tasisuu jaalala abbaan manaa fi haadha manaa jiddu jirtu nuha heddumsujzk

  4. mashaallah tibarakallaah rabbi isin irra haa jalatuu nama hojii hiikuu rabbi nuha tasisuu jaalala abbaan manaa fi haadha manaa jiddu jirtu nuha heddumsuu

  5. gaafiilee garagaraa yeroo barreessinee erginuu akkaa isiin bira hin geenyee nuti hima ,naa dideera. kan biroo wanta isiniin jedhuun dhabee ,rabbin jeeynataa isiin haa qananiisuu.

  6. as wr wb
    akkam jirtan qophessitoota nuralhuda
    n aasiftuu wallaala
    u unachiiftuu jaalala
    u urgooftuu halaalaa
    r akkoodhaafiis fala
    a bbaaf haadha Caala
    l ammi isaaf tola
    h umna keessaa alaa
    u kkaamsa galgala
    d aandeettiin madaala
    a rraas kalee caala
    a garra jaalala

  7. masha.allaah jazaa kallaahu keyran. anii sillaa niin lamefadhaa garuu hatii mana tiyaa qaliin rabbii jedhii naratii hin fudhiin naan jetee malee.yaa rabbii dubaratii tana wal jalachisii akka heduu fudhu dandenuu. dhiras nama wal qixesee horatu nuu tasisii.

  8. Maashalhaa Maashalhaa Maashalhaa Maashalhaa Maashalhaa Maashalhaa Maashalhaa Maashalhaa Maashalhaa Maashalhaa Maashalhaa Maashalhaa rabbin isiiniraa haa jaalatuu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button