header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AkhlaaqaQissaa

Kabajaa Muslimaa Eeguu

Guyyaa tokko Umar Ibn Al-Kaxxaab(RA), Abdullah Ibn Mas’uud(RA) waliin halkaniin manaa bahan. ibiddaa fagoo boba’u argan. Ifa ibidda sanii hordofuun mana kurraaziin keessaa iftu bira gahan. Yommuu Umar kurraazii (duungoo) manaa iftu argu, manicha seenuun namticha dullacha alkooli fi dubartii sirbaa isa bashannansiistu waliin arge. Namtichi odoo of hin beekin Umariin qabame. Umaris ni jedhen,”Wanta qaanessaa hanga halkan kana namticha dulloomaa du’a eeggatu irraa arge (caalu) tokkollee hin jiru.” 
Namtichi dulloomaan kunis akkana jechuun deebiseef,”Yaa Amiir al-Mu’iminiin(Yaa hogganaa mu’imintootaa) wanti ati hojjatte kanarra qaanessaadha. Mana kiyya hayyama kiyya malee seentee na basaaste. Islaama keessatti nama basaasuun dhoowwamaa mitii?”Umar dhugaa namtichi jedhe amanuun, uffata ofii ciniinaa fi booyaa akkana jedhe, “Haati Umar isa haa dhaabdu yoo Rabbiin naa hin araaramin.”Guyyaa sanii kaase namtichi walgahii Umar keessatti argamuu dhiise. Yeroon muraasni erga darbeen booda Umar namticha dulloomaa kana sarara dhumaa walgahii isaa keessa taa’u arge. Ä°sattis haasawuu kajeele. Namtichi kuni adabbii hamaa Umar irraa sodaataa of eegganoon Umaritti dhihaachun bira taa’e. Umar namtichi kuni gurra isaaf akka kennu gaafate. Eegasi akkana jedheen, “Tokkicha Nabiyyanaa Muhammad haqaan ergeen kakadhe, wanta halkan san sirratti arge eenyuttillee hin himne. Abdullah Ibn Mas’uud na waliin turettiyyuu hin himne.”Namtichis akkana jedhee deebiseef, “Yaa Amiir al-Mu’iminiin Tokkicha Nabiyyana Muhammad haqaan ergeen(Rabbiin) kakadhe, anis gaafa ati natti seentee kaase badii sanitti hin deebine.” Umaris Allahu Akbar jechuun sagalee ol kaasee lallabe. Namoota kanniin lamaan jiddutti maal akka uumame walgahii keessaa eenyullee hin beeku. Kaliifaan guddichi badii lammiilee isaa akkasitti sattaraa ture.

Abu Hureeyran(RA) akka gabaasanitti Nabiyyana Muhammad((SAW)) akkana jedhan:

“ مَنْ سَتَرَ مُسْلِمًا سَتَرَهُ للَّهُ فِي الدُّنْيَا وَالآخِرَةِ
“Namni Musliima (cubbuu isaa) haguuge, Rabbiin addunyaa tanaa fi Aakhiratti isa(cubbuu isaa) ni haguuga.”(Sunan Ibn Maaja)
Kanaafu Rabbiin cubbuu keenya ifatti baasu yoo nuu haguuge nuti immoo kan namoota biroo akkamitti haguugu dhabna ree? 

Maddi:sammubani.com

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button