Og-BarruuSeenaa

Kallattii Islaamni Itoophiyaa keessa Babal’ate

©Ustaaz Gaalii Abbaaboor

Kutaa 3ffaa

Gahee godaansi booda sahaabaa Islaama babal’isuu keessatti qabu

Booda sahaabotaatii godaantonni Muslimootaa biyya kana irratti wal hordofuu hin dhiifne. Hanguma rakkoon siyaasaa kan akka wal dhabbii dhuma kaliifota sirraawoo turee yookiin rakkoon qabeenyaa kan bara Umar bin Alkhaxxaab argame Aamurramaadaa jedhamuu dhufuun gareen baay’een gara Habashaa kan qabeenyi jiruufi jireenyi nageenya tasgabbaa’aa ta’e jiru dhufaniiru. Kana sababa baay’eedhaaf Araba keessatti argataa hin turre. Godaansi kun yeroo rakkoon ummatatti buutu daangeffamtuu lakkoofsa xiqqoodhaan eegalte.

Garuu yeroo Baniin Umayyaa kaliifummaa fudhatanii Qurayshii hunda dhiisanii mootummaa of qofaaf to’atan gara mootummaa gonfootti jijjiiran. Taayitaa sibiilaan to’atanii namoota isaan faallessan adabbii hamtuu dhandhamsiisanii jiilchaa hamtuu isaan jiilchan. Kanarraa maatiin Nabiyyiillee [saw] bilisa hin taane. Kanatu garee Muslimoota wahii kaasee warraaqsa baay’ee isaan irratti kaasan. Isiinis gara-jabeenyaafi hammeenya cimaadhaan simatamte. Warraaqsonni kun godaansaafi baqa malee carraa tokkollee hin qaban. Sababa bal’inni dachii Islaamaa guddatee adoola Arabaa, Shaam, Iraaq, biyya Faarisiifi kaaba Afrikaa wal gaheef warra baqatu kanaaf baha Afrikaa malee bakki qubatan biraa hin jiru ture. Keessumaa Habashaan godaantonni jalqabaa mootummaa isii keessatti tika argatanii oduun isaa babal’atee addunyaa wal gahee jira. Gara isiitti godaananii qubannaa gaariifi jiruu bal’aa argatan. Obboleeyyan isaanii achi jiranus gargaarsaafi simannaa gaarii isaaniif godhan. Daangaa isaanii keessas nageenyaafi tasgabbiitu jira ture. Dhiibbaafi hacuuccaa tokko malee waan jiraattonni biyyaa hojjatan hojjataa jiraatu.

Abdul Malik bin Marwaan Al-Umawiin yeroo kaliifummaa fudhatu loltoota isaa gara adoola Dahlakitti fuula buufata doonii Aduulis bakka daldalaafi qaroomaa kan turtetti ergee bara 83 Hijraa achi qubatan. Innis kaayyoo lamaaf ture.
Tokko: warra Umawiyyaa jalaa baqatee godaanu hordofuu, bakka isaan jiranutti isaan adabuufi iddoo qubannaatti isaan irratti dhiphisuu yaaluudha. Innis akka isaan obboleeyyan isaanii kan biyya keessa jiraniif gargaarsa taanaan warraaqsa hin kaafneefi.
Lammaaffaa: saamtota Habashaa kan sababa Umawiyyoonni warraaqsa biyya keessaa dhaamsuun qabamuu arganii daldaltoota Muslimaa galaana diimaa irratti saamanii buufata doonii Jiddaa kan Dahlakiin wal qabattu irra qubatanii achirraa warra Makkaa weeraruu yaalan naamusa qabsiisuudha.

Warri jalqaba miidhaan banii Umayyaa isaanitti cimee guraadeen isaan marsinaan baqate Alawiyyoota ture. Imaam Huseen bin Aliyyi bin Abii Xaalib bara 61 Hij/680 Dh.K.B bara Yaziid bin Mu’aawiyaa Karaabolaa irratti wareegame. Ergasii ilmi ilma isaa Imaam Zayd bin Aliyyi bin Huseen bara 122 H/740 Dh.K.B wareegame. Hordoftoonni isaa biyya keessa bittinnaa’an. Gareen tokko Yaman qubatan. Garee Zaydiyyaa isii Yaman keessatti hanga dhiheenyaa taayitaan harka ture ijaaran. Gareen zaydiyyoota kanarraa ta’an hededa Afrikaa, qarqara Sumaaleefi Habashaatti godaananii achi qubatan.

Warraaqsi warra Hijaaz hoggansa Abdullaah bin Azzubeer isa bara 64H erga Yaziid bin Mu’aawiyaa du’ee kaliifummaaf waadaan galameefii Hijaaz, Misra, Yaman, Kuraasaan, Iraaqiifi Shaamiin harka caalu bulcheen ka’e. Inni Madiinaan biyya kaliifaa taasise. Haala kanaan waggaa sagal ture. Umawiyyoota irraa taatee cimaatu isa mudatee ijjannoo gootummaa fudhate. Dhumarratti harka Hajjaaj bin Yuusuf Assaqafii dhiiga dhangalaasaa ta’eetti bara 73H wareegame. Warri Hijaaz olii gadi faca’anii baay’een isaanii qarqara Habashaatti baqatan.

Bara 67H/695 Dh.K.B warraaqsi obbolaa lamaanii Suleymaaniifi Sa’iid ilmaan Aljalajandaa Abdul Malik bin Marwaan irratti ka’e. Bulchaan Makkaa kan Umawiyyootaan muudame isaan to’ate. Maatiin Jalajandii hordoftoota isaanii waliin Azdi irraa gara qarqara baha Afrikaatti godaanan. Akka maddoonni seenaa baay’een akeeku adoola Maafiyaa keessa qubatan.

Bara Umawiyyootaa keessa hanga urjiin isaanii seentutti godaansi hin dhaabbanne ture. Mootiin isaanii inni dhumaa Marwaan bin Muhammad bin Marwaan bin Alhakam gara Misraa baqatee bara 132 H/750 Dh.K.B shawwaal guyyaa saddeet hafe achi seene.

Saalih bin Alii mootiin Abbaasiyyootaa garee umawiyyootaa kan dhumaa bittinneesse. Kaliifaan fonqolfame kun hordoftoota isaa fudhatee baqate. Gariin isaanii Nuubaa qubatan; kaan immoo ni taran. Baay’een isaanii gara Habashaa dhaqan. Isiin biyya dhihoo Abbaasiyyoonni galata wahii irraa hin qabneefi jireenya dinagdee tasgabbaahaa qabduudha. Baqattoonni gariin Masuu’i keessa qubatan.
Abbaasiyyoonnis dawlaa isaanii ijaaruu keessatti kallattii Umawiyyootaa hordofanii Alawiyyoota ari’uufi itti dhiphisuu itti fufan. Isaan irraa gareen biraa godaane. Maatiin warra kanaa kan hanga yoonaatti shariifummaa isii tikfattee jirtu Habashaa keessa ni jirti.

Maalumaafuu godaansonni ashaaraa amantii guddaa qabu. Godaantonni kun duudhaa Islaamaa, mallattoo amantii isaaniifi amala isaanii gaarii kan Qur’aanaafi hadiisa irraa fudhatamte kan akka dhugaa dubbachuu, amaanaa eeguu, waadaa guutuu, nama biraatiif toltuu jaalachuu, of gadi qabuu fudhatanii Habashaa dhaqan. Akkasuma bu’uura qaroomina Islaamaafi barnoota diiniis geessaniiru.

Warri biyyaa yeroo amala mi’aahaa kana isaan irraa argan baay’ee isii jaalatan. Gareedhaan amantii Rabbiitti seenan. Dhuunfaafi gareedhaan isii qabachuutti ariifatan. Achumaan hawaasni Muslimaa kan godaantotaafi jiraataa biyyaa irraa ta’e ijaarame.

Baniin Umayyaa Dahlakiin bakka nama beekaa afaaniifi barnoota qabu jibban itti ari’an taasifatan. Innis waan gubaan isii jabaatuuf sanaan isaan adabuufi. Fakkeenyaaf walaleessaa Al-Ahwas jedhamu Abdul Malik bin Marwaan achitti isa ari’e. Yaziid ogga moo’u isa deebise.

Dahlak Araboota biratti busaafi gubaa qilleensaatiin beekamti turte. Kanaafuu warri walaloo baay’een akka isiin gubduu taate ibsuuf jahannamatti fakkeessan.
Warra gara sanatti ari’ame keessaa kan biraa Umar bin Rabii’aa kan Umar bin Abdul Aziiz ari’eedha. Waan dubartii hajjiitti fedhii kaasu sirbee ari’ame; ergasii galaana keessa lolee dooniin isaa gubatte.

Inumaayyuu salafoota gaggaarii irraa kan akka Iraak bin Maalik Alghifaarii beekaa fiqhii warra Dahlak faantu itti ari’ame. Akka jedhametti Iraak Umar bin Abdul Aziiz akka inni qabeenya banii Umayyaa harka jiru fuudhu kakaasa ture. Yeroo Yaziid bin Abdul Malik bakka bu’u Iraakiin dhiha Yaman irraan gara adoola Dahlakitti ari’e. Baruma Yaziid kana keessa achitti du’e.
Achitti ari’amuun isaa warra Dahlakiif gaarii ta’e. Jiraattonni isii ni jedhu turan: “Yaziid bin Abdul Malikiif Rabbiin mindaa guddaa haa kennu. Nama ilmaan keenya dhara barsiise kaasee nama ilmaan keenya waan gaarii barsiisu fide (Ahwasiin kaasee Iraakiin fidee jechuudha).”

Xabariin akka dubbatetti Umar bin Abdul Aziiz, Yaziid bin Muhallab ari’uu murteessee ture. Sababni isaas inni taayitaa bara Suleymaan keessa moo’een qabeenya walitti guurrate. Umar isa warra boonutti lakkaa’a. Qabeenyicha immoo haqa Muslimootaa kan isaaf hin eeyyamamne fudhateetti lakkaa’a ture.
Hishaam bin Amr bin Shuraahiilis ari’amee ture. Inni qadariyyaa ture. Ibn Asaakir isarraa odeessee ni jedhe: Hishaam bin Abdul Malik gara Dahlak nu deemsise. Osoo nuti baay’ee hin turin Hishaam du’ee Waliid bakka bu’e. Waa’ee keenyaa ilaalchisee haasofsiifamee ni dide. Ni jedhes: “Rabbiin kakadhee Hishaam hojii gaarii araarama Rabbii isaaf argamsiifti jedhamu kan qadariyyaa ajjeesuufi isaan biyyaa ari’u caalu hin hojjanne.”

Beektolee gurguddoo irraa kan Dahlakiin qubate keessaa Fayruuzaabaadii abbaa Qaamuus ture.
Muslimoonni bara Umawiyyaafi bara Abbaasiyyaa hanga bara Alma’amuunitti isii to’ataa turan. Adoolli kun walakkaa jaarraa lammaffaa hijraa keessa Hindootaan weeraramtee turte. Yeroo sana Abuu Ja’afar Almansuur banii Abdul Jabbaar achitti ari’ee ture. Booji’amtoota Hindii keessa bu’an. Ergasii bilisa baafaman. Ergasii Abuu Ja’afar Almansuur weerara saamtotaa deebisuuf bara 153 Hij loltoota erge. Kun kan ta’e osoma adoolattiin Muslimoota harka jirtuuyyi.
Yeroo Dawlaan Umawiyyaa bara 132 Hij kufte qabaa ilmaan wasiillan isaanii Abbaasiyyootaa sodaaf adda bittinnaa’anii gareen isaanii, gargaartota isaaniifi ilmaan Aqiil bin Abii Xaalib irraa ta’an gara Habashaatti baqatan. Habashaan maqaa “Argobbaa” jedhu moggaasaniif. Innis jecha lama irraa dhufe: ‘Arab’fi ‘gabbaa’ ture. Hiikti isaa Arabni seene jechuudha.

Akkasuma gareen Banii Abdiddaar yookiin ilmaan Aqiil bin Abii Xaalib gara Zayla’i, Sumaaleefi Eertiraa godaanan. Akaakileen isaanii naannoo Pilaatoo keessatti mootummaa Islaamaa Ifaat jedhamu ijaaran.
Maqriiziin akka dubbatetti Alawiyyoonni gariin lubbuu isaaniitiif sodaatanii adoola Sablii jedhamtee beekamtu kan garba Hindii keessa jiru irra qubatanii turan.

Sumaalee dhoosee seenuufi kallattii saboota bahaafi kibbaatiin gara Habashaa seenuudhaaf Zayla’i kaaba keessattiifi Moqaadishoon immoo kibba keessatti kallattii seensa Arabaafi Islaamaa taate.

Godaantonni kun jiraattotatti makatanii afaan isaanii baratan. Waan namoonni hojjatus ni hojjatu. Hanguma namootaan wal makataa deemaniin ashaaraan Islaamaa isaan keessatti gadi dhaabbatee lubbuu isaanii keessa seene.
Habashaa keessa magaalota qarqaraatu harka najaashii jiru ture. Islaamni erga bara duriitii isii keessa seeneera. Almas’uudiin ni jedhe: “Habashaan magaalota baay’eefi gamoolee babal’aa kan mootummaa Najaashii galaanatti dhaqqabsiisu qabdi. Isaan qarqaras ni qabu. Isii keessas magaalota baay’eetu jira. Inni biyya Yamanitti fuula deebi’a. Magaalota Habashaa qarqara irra jiru keessa Zayla’i, Dahlakiifi Naasi’i fa’i. Magaalotiin kun Muslimoota baay’eetu keessa jira. Garuu isiin to’annoo Habashaa jala turte.

Yeroo gabaabaa booda Islaamni Zayla’iin wal gahe. Hundi isaaniituu ni islaama’an. Ibn Sa’iid akka dubbatetti “Zayla’i magaalaa Habashaa beekamtuudha. Jiraattonni isii Muslimoota.”
Maatiiwwan Araba irraa ta’an gara pilaatoo Habashaa godaananii turan. Gariin isaanii banii Makhzuumtu bara Umar bin Alkhaxxaab dhufan. Akka isaan biyya kana turanii warra biyyaatiin wal horanii Islaama isaan keessa babal’isantu namatti mul’ata. Bara 283 Hij harka isaaniitti mootummaan Shawaa Islaamaa ijaarameera waan ta’eef. Biyyi akka tasaa hin argamu. Biyya bulchiinsi isaa Islaamaa yookiin jiraattonni baay’een Muslimaa uumuuf sadarkaan qophii dura taruun isaa hin hafu.

Akka jedhamutti maatiin jalqaba gara baha Afrikaatti godaante garee ummata Shaam irraa ta’aniidha. Siyaasni Hajjaaj bin Yuusuf Assaqafii isaanitti hin tolle ture. Gara qarqara bahaa deemanii buufata doonii Diyuun jedhamu to’atanii jiraattota achii of jala bulchan. Booda walakkaa jaarraa hij jalqabaatii bara 65 Hij ture.
Dirree jidduu galaana diimaafi pilaatoo Habashaatti argamu keessa saboota Affaar, Sumaalee, Bajjaafi kkf irraa ta’antu jiru. Muslimoonni isaanitti makatanii waliin jiraatan. Inumaa isaaniin soddoomanii Islaama isaan keessa babal’isan. Saboonni kun sana booda bakka dhaqan hundattuu Islaama babal’isaa turan.
Inni kun mootummaan Islaamaa mootummoolee xixiqqoo kan booda sulxaaneetii Ifaat taate irraa haqaafi tasgabbiin ijaaramuu akeeka. Inumaa Muslimoonni ariitiin gara keessaa galanii mootummaa Sidaamaa kibba Habashaa keessa qubatanii achitti Islaama babal’isan.

Gariin immoo kaaba Habashaa Tigraayi keessa qubatanii achitti Islaama babal’isan. Dr. Muhammad Annaqiiraan akka dubbatetti achitti awwaalli barreeffama Arabiffaa qabu Wagar Hariibaa keessatti kan Zulqi’idaa 8 bara 396 hij argamee ture. Bakki kun kibba Tigraayi keessatti argama. Ammas achitti barreeffamni dhagaa kan Muslimoonni baay’een naannoo bara 1006 Dh.K.B jiraachuu akeeku argameera.
Ibn Khalduun akka dubbatetti ummanni wahii Juhaynaa irraan gara Adwaa dhihaatti darbanii jidduu dirree Misraafi biyya Habashaa babal’atan. Achitti ummata biraa irra baay’atan. Biyya Nuubaa injifatanii tokkummaa isaanii diiganii mootummaa isaanii dhabamsiisanii Habashaatti duulan. Gochi kun jalqaba jaarraa saddeettaffaa hij ture. Yeroo mootummaan Kiristaana Nuubaa kufteedha.
Yeroo Dawlaan Abbaasiyyaa bara 656 hij/1258 Dh.K.B Mogool harkatti kuftee Faaris, Iraaqiifi Shaam rakkatan, gareen Muslimoota irraa ta’an gara naannoo godaantota simachuun beekamtuu kan nageenya, jireenya tasgabbaa’aafi daldala gaarii qabduu dhufan.
Bara Imaam Ahmad bin Ibraahiim keessa immoo gareen Muslimoota Yaman, Hijaaz, Morookoofi loltoonni Turkii irraa ta’an qabsaa’ota deeggaruuf dhufanii turan.
Abdul Qaadir Aljiizaaniin “Futuuh Al Habashaa” keessatti maqaa shariifotaafi matootii Alawiyyootaa Imaamu Ahmad waliin duulatti hirmaatanii dubbateera. Lakkoofsi baay’een isaanii Habashaa keessatti hafuun shakkii hin qabu. Jiraattota waliin wal fuudhanii maatiin hanga ammaatti sanyii isii tikfattu ni jirti. Isaan ilmii barachuufi da’awaa keessatti hamilee cimaa qabu.
Rashaayidaan dhuma warra gara Habashaatti godaaneeti; qarqara galaana diimaatiin dhufanii Eertiraafi baha Sudaanii keessa qubatan. Afaan Arabaa irratti dabalata afaan Banii Aamir baraniiru. Garuu ashaaraa amantii dubbatamu wahii hin qabanu. Isiin saba barnoonni amantii keessa xiqqaatuudha.
Godaansi kun hunduu Islaama wiirtuu Habashaafi naannoo isii keessa babal’isuuf gumaacheera. Akkasuma qarooma isaa babal’isuufi sulxaaneetii Islaamaa kan Habashaa gara caalu sharii’aa Islaamaatiin to’atte dhaabuuf gumaacheera. Jireenyi hawaasaa, siyaasaafi qaroomaa cuubaa Islaamaa cuubame.

Itti fufa…
Gali Ababor

Tags
Show More

...

Back to top button
Close
Close