Og-BarruuSeenaa

Kallattii islaamni Itoophiyaa keessa Babal’ateefi mootummaa Islaamaa ijaare

©Ustaaz Gaalii Abbaaboor

Kutaa 2ffaa

Ashaaraa godaansa sahaabaa kan jalqabaafi lammataa

Biyyi Habashaa yeroo dachiin Arabaa Muslimoota irratti dhiphattee of keessaa tufte keessa sadarkaa Rabbiin qadara keessatti isiidhaaf ol kaa’een kabajamtee bakka qubannaa dursitoota sahaabaa Nabiyyii (saw)fi da’awaa isaanii tikfamaa ta’uu ibseen ture.

Muslimoonni Habashaa keessatti of amananii Qur’aana qara’anii haala tasgabbaa’aadhaan mootummaa haqaa kan Rabbiin sodaatuufi ummata isaa haqaan bulchuuf yaalu jalatti gara Islaamaatti waaman. Osoo yeroon hin turin mootichinuu islaama’uu isaa ibse. Kanaan xalayaa gammachuu Ergamaa Rabbiitti [saw] barreesse. Keessummoota baay’ees ni erge. Godaansi kun ashaaraa mataa isaa qabaachuun beekamaadha. Yeroo gadi fageenyaan ilaalle akka Najaashiin nama gaariidha jechuutti amannu, akka Islaamni amantii ergaa dhugaa ta’e hubachiisuu irraa hin laafne hubanna.

Maatii Najaashii irraa ilmi isaa Ariihaa bin Al-As-ham islaama’ee osoo namoota sagaltamii shan Habashaa irraa islaama’an waliin galaana irraan gara Nabiyyii [saw] deemuu galaanaan nyaatamee wareegame. Najaashiif ilmi biraa dhalannaan maqaa Abdullaah bin Ja’afar bin Abuu Xaalib isa achitti dhalateetti Abdallaah jedhee moggaase. Inni Asmaa’i bin Umees niitii Ja’afar irraa hodhuudhaan isaaf obboleessa hoosisaa ture.

Gabrittiin Najaashii kan huccuufi shittoo isaa to’attu Abriheet jedhamtu ni islaamofte.

Sahaabaichi guddaan kan biyya Misraa amantii Islaamaa seensise Amri bin Al-aas Najaashii harkatti islaama’e.

Sahaabonnis akkuma kana da’awaa gochuu, ragaa haqaa dirree baasuufi Habashoota waliin marii irra turan. Kanarraa ka’ee namoonni naannoo mootiifi abbootii amantii kan amantii hubannoo qaban baay’een islaama’an. Yeroo Ja’afar gara Madiinaa deebi’u Muslimoota Habashaa torbaatamatu wajjiniin ture.

Jidduu sanaatti keessumooleen Habashaa gara Makkaafi Madiinaa deeman baay’eedha.

Inumaa namoota Habashaa buufata doonii irra hojjatan kan matoolee Qurayshii gara Islaamaatti waaman argineerra. Kun jalqaba sanaa kaasee Islaamni ariitiin achi seenuu hubanna. Waa’ee islaama’uu Ikramaa bin Abii Jahl ilaalchisee Xabariin seenaa ajaa’ibaa dubbate. Akka inni dubbatutti namni erga inni gara Yaman bahee Islaamatti isa deebise namicha Habashaa doonii oofu ture. Ikrimaan ni jedhe: “Habashaa deemuufin doonii galaanaa yaabbachuu fedhe. Yeroo ani yaabbachuuf dooniitti dhufu abbaan doonittii ‘yaa gabricha Rabbii! Hanga Rabbiin tokkoomsitee waan isaa gadii dhiiftutti doonii kiyya hin yaabbattu. Yoo ati kana hin goone nu hundi dhumuun sodaadha’ jedhe. ‘Namni tokkollee hanga Rabbiin tokkoomsee waan isaa gadii dhiisutti isii hin yaabbatuun’ jedhe. ‘Eeyyee namni tokkollee hanga ibaadaa Rabbiif qulqulleessutti hin yaabbatu’ naan jedhe. Ofiinin jedhe: “egaa maaliifin Muhammadiin dheessa? Innis kanumaan nutti dhufe. Waaqni keenya inni galaana keessaa waaqa keenya isuma lafarraati. Yeroo sanan Islaama baree onnee kiyya keessa seene.”

Kanarraa ka’eeti godaansi sahaabaa jalqaba Islaamni Habashaafi guutuu Afrikaa seenetti lakkaa’ama. Ja’afar bin Abuu Xaalib biyyootii kana keessatti jalqaba nama da’awaa godheetti lakkaa’ama. Habashaan immoo jalqaba biyya da’awaan isii keessatti bilisaan geggeeffamee ummanni dhuunfaafi gareen qeebaleeti. Kana wanti akeeku immoo keessummooleen Habashaa baay’een gara Hijaaz deemuun jalqaba Makkaan achiin Madiinaan deemaniyyuu ragaadha. Kunis xiqqoo booda ni dhufa.

Kallattii biraatiin immoo milkiin biraa kan kanaan hariiroo qabu galmeeffameera. Innis dhimma beeksisaa keessatti milkaa’uudha. Wanti Makkaan keessatti geggeeffamaaru Makkaan ala, inumaa adoola Arabaatiin ala bahuun sagaleen da’awaa aalama biraa Qurayshiin hin to’anne keessatti dhaga’amuudha. Dhimmi kun Qurayshii warra da’awattii afuura kutuuf dubbii kijibaa facaasan yookiin tolloo hamaa fuuldura kaa’anii akka namoonni haasaa Nabiyyii [saw] hin dhageenye godhan ni yaachifte. Rabbiin ni jedhe: “Isaan kafaran “Qur’aana kana hin dhaga’inaa; akka injifattaniif (yeroo dubbifamu) isa keessatti wacaa” jedhan.” [Fussilat: 26]

Haasawa dheeraatu to’annaa gosa Arabaatiin alatti masaraa mootii Habashaa keessatti bakka mootichi jirutti geggeeffamaa ture. Dhumarratti mootichi gara godaantota kanaatti dabee amantii Islaamaa fudhatee Qurayshonni milkaa’uu dhabanii deebi’an.

Itti fufa…
Gali Ababor

 

Tags
Show More

...

Back to top button
Close
Close