header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KaanaadaaKoroonaaOdeeyfannooSaayinsiif Teknoolojii

Kanadaan Appilikeeshina Telefoona nama dhibee COVID-19’n faalame adda baasu hojjatte

Muummichi ministeera Kanadaa Justin Trudeau “Appilikeeshiniin bilbila ammayyaa ‘COVID Allert’ jedhamu kun kalaqa haarawa dhibee kana ittisuuf fayyaadu” jedhe. Akkasumas Namoonni Appilikeeshina kana buufatanii qabanis dhibee kanaan faalamuu fi dhiisuu kan adda baasu tahuu ibse.

Mr Trudeau’n “Ani ganama har’aa Appilikeeshina kana buufadhee jira. Isinis buufattanii akka fayyadamtanin isin gorsa. Fayyadamtoonni yoo heddummaatan tatamsaa’a dhibee kanaa hanga tokko xiqqeessuu danda’a”jedhe.

Ogeeyyiin Fayyaa Kanadaa gama isaaniitiin “Appilikeeshina kana namoonni hedduun yoo fayyadaman fuulduraaf tatamsaa’a dhibee kanaa biyyattii keessaa ittisuuf ni garagaara” jedhan.

Kutaa biyyattii lakkoofsa ummataa guddaa qabaachuun beekkamtu Ontaariyoo keessa Appilikeeshinni kun jimaata dheengaddaa irraa tajaajila kennuu jalqabee jira. Dhiyotti immoo guutuu Kanadaa keessatti kan hojjatuuf jiraatu tahuun gabaafame.

Appilikeeshinichi lakkoofsa qorannoo COVID-19 qondaala fayyaa biyyattii irraa kennamu itti galchuun hojjata, Haaluma kanaan namoonni Appilikeeshina kana bilbila isaanii irratti buufatanii qaban naannawa isaanii namni dhibee kanaan qabame yoo jiraate, fageenya irraa kan beeksisuufi of eeggannoo godhuu qaban hima.

Akka of eeggannoo godhuu qaban yaadachisuun alatti eenyummaa nama dhibichaan qabamee kan hin ibsine tahuu ibsame.

15 Comments

  1. Nuural Hudaa Soora Qalbii Muslimaa Jabaadhaa Itti Nuu Fufaa Diinii Wojjiin Jirra. Namni Diinii Wojjiin Jiru Wojjiinis Jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button