header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-Barruu

Keessummaa Arjaa

Qophii: Abu Ibtisaam

Jiruuf jireenya ilma namaa keessatti keessummaan bakka guddaa qaba. Keessummaa namatti dhufte haala gaariin keessummeessuun barbaachisaadha. Waan keessummaan sun nurraa barbaadu cufa karaa halaalaatiin isaaf guutuun waan islaamummaan nurra keetteedha. Harraan tana keessummaan jabduun yoo namatti dhufte, baasii heddu nama baasisiisti. Horii qalanii, nyaachisaanii, obaasanii, ofirraa galchutu jira. Keessummaan namatti dhuftu ammoo keessummaa waa qabattee dhuftu ta’uu dhabdi. Harka duwwaa nutti dhuftee, waan nuti isiif qoodne nurraa fudhattee galti. Keessummaan akka baasii nurraa barbaaddu osoo beeknu waan kana hunda raawwanna. Garuu mee keessummaa jabaa kan waa nuu kennee nu duruumsuudhaaf dhufaa jiru tokkoo wal isin haa barsiisu.

Ramadaana. Keessummaa jabaa ilmoon muslimaa qabdu keessaa Ramadaanni isa guddaadha. Ramadaanni akka lakkoofsa Hijraati ji’a saglaffaa keessa dhufa. Amma ji’a torbaffaa guyyoota muraasa irraa oofnee jirra. Kanaafuu yeroon keessummaan kun nutti dhufuuf muratee haalaan dhiyaateera. Ramadaanni keessummaa waggatti yeroo tokko dhufu yoo ta’u, Keesummaa gaaroominaa fi gammachuu namaaf fiduudha. Keessummaa Rahmataa fi Araarama Rabbii qabatee dhufuudha, keessummaa gabroota Rabbii hamtuu irraa fageessee, Rabbitti dhiheessuudha. Keessummaa qalbii namaa qulqulleessuudha. Keessummaa mana namaa barakaan guutuudha. Keessummaa, masjiidota gabrootaan guutuudha. Keessummaa jaalalaa fi wal kabajaan nama duroomsuudha.

Keessummaa kana simatuudhaaf haalaan of qopheessuu qabna. Hundi keenya gama nurraa eeggamu hundaan qophii taasisuu qabna. Dubartoota muraasa dhiheenya kana waliin haasawe keessaa, kanneen qadaan soomana bara darbee heddu irra jiru arguu danda’ee jira. Namni guyyaa 15 ol osoo hin soomanin dabarsetu jira. Obboleettiin tun sababa dhukkubaatiin osoo hin soomanin hagana turtus, osoo Ramadaanni itti aanu hin dhufin ofirraa buusuun dirqama isiiti. Kanaafuu namoonni soomana bara darbeerraa qadaa qabnu, saffisaa ofirraa baasuun, isa itti aanuuf qalbii qulqulluun haa qophoofnu. Shoorbaa qofa qopheeffatuu osoo hin taane, qaamaa qalbii teenya cufa ibaadaaf haa qopheessinu.

Rabbi nama ji’a barakaa kana dhaqqabee soomanee, irraa fayyadamu nu haa taasisu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button