header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Kolleejjiin Imaamu Shaafi’ii Marsaa 9ffaa Barattoota Barsiisaa ture eebbisiise

Kolleejjiin Islaamaa Imaamu Shaafi’ii Godina Arsii Aanaa Hexosaa Magaalaa Goondeetti kan argamu yoo tahu, Sabtii kaleessaa barattoota idilee 36 fi barnoota fagoo kan baratan barattoota 57, walumaa galatti barattoota 93 barnoota Shaari’aa Islaamaatiin leenjise marsaa 9ffaa ebbisiise.

Sagantaa eebbaa guyyaa kaleessaa geggeeffame kana irratti Ulamaa’onni fi keeysummoonni iddoo gara garaa irraa affeeraman argamanii jiru.

Keeysummoota argaman jidduu:
Prezdaantii Mana Marii Dhimmoota Islaamaa Naannoo Oromiyaa Sheikh Hajjii Ibraahim, Sheikh Muhammad Suleeymaan, Sheikh Isaa Muhammad, Dr Muhammad Kamaal, Sheikh Abdulmannaan Ahmad, Sheikh Huseen Abbaa Daadee, Sheikh Mas’uud Nuuraa, Sheikh Abdallaah Idriis fi keeysummoonni birootis argamanii jiru.
Prezdaantiin mana marii dhimmoota Islaamaa Naannoo Oromiyaa Sheikh Hajjii Ibrahim fulduraaf Kolleejjii kana gara Yunivarsitii guddisuuf waadaa kan galan tahuus ibsame.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button