header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Komishiiniin Filannoo Afgaanistaan Prezdaant Ashiraf Gaanii yeroo lammataatiif injifatuu labse

Komishiiniin filannoo Afgaanistaan bu’aa filannoo Prezdaantummaa September 28/2019 geeggeeffamee ture, ji’a shan booda guyyaa hardhaa kan labse yoo tahu, Prezdaant Ashiraf Gaanii sagalee 50.64% argachuun irra deebiin filatamuu beeksise. Morkataa cimaa prezdaant Gaanii kan tahe, hojii geggeessaan mootummaa biyyattii Abdullah Abdullah ammoo sagalee 39.52% kan argate tahuu labsame.

Bu’aan filannoo kun October dabre ni labsama jedhamee kan ture tahus, Komishiiniin filannoo biyyattii sababa rakkoolee teknikaa fi bu’aan filannoo hatamee jira iyyannoon jedhu kaadhimamtoota irraa dhihaatuu himuun kan tursiise tahuu gabaafame. Haata’u malee komishiinichi December dabre keessa, prezdaant Ashiraf Gaanii sagaalee muraasaan morkataa isaa Abdullah Abdullah injifatuu kan hime yoo tahu, Dr. Abdullah Abdullah bu’aan filannichaa sirrii miti jechuun irra deebiin akka ilaalamuuf gaafatee ture.

Komishiiniin Filannoo Afgaanistaan har’a Prezdaant Ashiraf Gaanii irra deebiin filatamuu eega labseen boodas, Dr. Abdullah gama isaatiin filannicha injifatuu labsuun kophatti kaabinee mootummaa hundeessuu beeksise.
Qondaaltonni lamaan waggaa shan duras filannoo prezdaantummaa irratti wal dhabuun, jaarsummaa Ameerikaatiin aangoo qoodatanii mootummaa walootiin biyyattii kan bulchaa turan tahuun ni beekama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button