header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Komishiiniin Poolisii Finfinnee duula Sanbtii fi Alhada gaggeesseen shakkamtoota gurmaa’uun yakka raawwachaa turanii fi makiinota itti fayyadamaa turan to’annaa jala oolchuu ibse

Itti aanaan komishiinara Komishiinii Poolisii Finfinnee Zalaalam Mangistee ibsa har’a kenneen akka himetti, poolisiin Lidataa, Nifaas Silk Laaftoo fi Booletti sakatta’iinsa addaa gaggeesse.

 

Haaluma kanaan konkolaattonni sanada hin qabnee fi seera qabeessummaan isaanii hin mirkanoofne 260 too’annoo jala kan oolfaman tahuu ibsame.

 

Shakkamtoonni saamicha, hanna, dawaa seeraan alaa daddabarsuu fi meeshaa waraanaa seeran alaa qabachuun shakkamanis too’annaa jala oolaniiru.

 

Dabalataanis opireeshiinii kanaan baala sammuu nama hadoochu yookaan hashiishni kilograama walakkaa, meeshaaleen shiishaa 2500 qabamee jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button