header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Konfiransiin Ulamaa’ota Godina Baalee Magaalaa Roobeetti geggeeffamaa jira

Konfiransiin kun guyyaa kaleessaa kan jalqabame yoo tahu, hanga guyyaa boruutti itti fufa. Konfiransii kana irratti Ulamaa’onni 200 ol aanaalee godina Baalee hunda irra walitti dhufuun, dhimmoota tokkummaa Ulamaa’otaa jabeessu fi Ulamaa’ota sababa gara garaatiin ummatatti hin bahiniif Waltajjii uumuu irratti kan mari’ataa jiran tahuun beekameera.

Akkasumas Ulamaa’ota kanniiniif adeemsa da’waa irratti leenjiin hubannoo kennamaafii jira. Ulamaa’ota gurguddoo leenjii kennaa jiran jidduu: Dr. Jeylaan Galataa, Sheikh Gazaalii haaji Bahar, haaji Waliyyii Aloo fi kanniin birootis kan jiran tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Guyyaa kaleessaa ammoo Madrasaa Salafiyaa kan magaalaa Roobee babaldhisanii ijaaruuf, iddoo Ulamaa’onni gurguddoon biyya keenyaa kunniin argamanitti dhagaan bu’uuraa kaahamee jira.

Konfiransiin kun milkaa’inaan akka geggeeffamuuf dhalattoonni godina Baalee biyyoota Alaa keessa jiraatan waldaa Sanyii Gootota Baalee waliin kan haala mijeessan tahuunis beekameera.

3 Comments

  1. Assalamu Alleykum warhimatulhii wabarkatu nagaya jirtuu baayee nama gamachisaa nagele Arba gugu magala 01irraa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button