header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Kongirasiin Ameerikaa wixinee seeraa sochii deeggartoota Falasxiin ugguruuf qophaaye kuffise

Wixineen seeraa miseensota paartii Ripaablikaanotaatiin dhihaate kun, sochii gareewwaan deeggartoota Falasxiin biyyattii keessatti geggeessan kan balaaleffatu yoo tahu, keessumattuu Sochii deeggartoota Falasxiin “BDS”jedhamuun beekkamu ugguruu irratti kan xiyyeeffate tahuu gabaafame.

Kongirasii Ameerikaa keessatti miseensonni paartii Dimokraatotaa “wixineen seeraa kun kan mirga yaada ofii ibsachuu cunqursu”jechuun sagalee kan dhoorkatan tahuu gabaafame. Haaluma kanaan wixinee kana sagaleen mormii 56 fi sagaleen deeggarsaa 44 kan irratti kenname yoo tahu, wixineen kun seera tahee dabruudhaaf sagaaleen deeggarsaa 60 barbaachisu wanta hin guutaminiif kan kufe tahuun beekameera.

Gareen BDS jedhamu, cunqursaa fi dhiittaa mirga namoomaa mootummaan Israa’el Falasxiin keessatti raawwatu ragaalee qabatamaatiin saaxiluudhaan kan beekkamu yoo tahu, lammiileen addunyaa meeshaa Israa’el dachii Falasxiinotaa humnaan qabatte irratti oomishite akka hin bitne, akkasumas sochiilee Israa’el dachii Falasxiin irratti geggeessitu hunda akka hin deeggarre dhiibbaa godhuun beekkama. Gareen BDS kun Ameerikaa dabalatee biyyoota heddu keessatti dhageettii guddaa argataa dhufuun isaa Israa’elii fi mootummaa Ameerikaa yaaddeessaa dhufee jira.

Filannoo miseensota Kongirasii Ameerikaa haaraya geggeeffameen paartiin Dimokraatotaa sagalee caalmaa argachuun torbee dabre hujii kan jalqabe yoo tahu, Kongirasichi dhimmoota heddu irratti adeemsa bulchiinsa Traamp mormuun dhiibbaa guddaa godhaa jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button