header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Koolleejjiin Islaamaa Abbaa Jifaar Barsiisoota Waggaa lamaaf leenjisaa ture Eebbisiise.

Sagantaan Eebbaa kun Masjiida guddicha magaalaa Jimmaatti argamu Masjiida Rahmaatti kan geggeeffamee oole yoo tahu, Daa’iwwan 45  Naannolee adda addaa irraa fudhatuun waggaa lamaaf gosa  barnootaa 12 irratti leenjisuudhaan sadarkaa dipiloomaatiin  kan eebbisiise tahuu maddeen nuuf gabaasaaniiru.

Sagantaa Eebbaa kana irratti Ulamaa’onni naannawa magaalaa Jimmaatti argaman, kan irraa qooda fudhatan tahuus odeeyfannoon argame ni addeessa.

Eebbifamtoota kanniin keessaa namni tokko akka jedhutti:
“guyyaan hardhaa kun guyyaa gammachuu kiyya guddaadha, Barnoota Islaamaatiin eebbifamu kiyyaaf gammaachuu guddaatu natti dhagahame, barnoota baradhe kanaan immoo gad bu’ee hawaasa kiyya tajaajiluuf qophaa’ee jira” jechuun nuf hime.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button