header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannooUSA

Kooriyaan Kaabaa misaa’ela haaraya kan hojjataa jirtu tahuu Ameerikaan beeksifte

Hooggantoonni Ameerikaa fi Kooriyaa Kaabaa dhimma misaa’ela Kooriyaa Kaabaa ilaalchisee June 12/2018 waliigaltee mallatteessuun isaanii ni yaadatama. Hooggantoonni lamaan Sulula Kooriyaa sodaa nuukleraa keessaa baasuuf waliigalanii turan. Haata’u malee Kooriyaan kaabaa  misaa’ela baalastikii haaraya dhoksaan hojjataa jiraatuu isii Ameerikaan beeksifte. Ameerikaan akka jettutti hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un waliigaltee Traamp waliin mallatteesseef amanamaa ta’uu dhabuu isaa muul’isa jechuun yakkite.

 

Suuraan Saatalaayitii basaasaa irraa argame akka mul’isutti, buufataaleen Kooriyaan Kaabaa kanaan dura misaa’ela baalastiikii keessatti oomishaa turtee fi waliigaltee godhamee ture hordofuun cufamuun isaanii himamee ture, ammas hojii irra kan jiru tahuu Washington Post gabaase. Rooytars qondaaltota Ameerikaa waabeffatuun akka gabaasetti  ammoo, hojiin misaa’ela Kooriyaa Kaabaa kun yeroo ammaa sadarkaa akkamii irra akka jiru beekamuu dhabus, biyyattiin misaa’ela haaraya oomishaa jiraachuun mirkaaneeyee jira.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button