header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Kooriyaan Kaabaa sagantaa Yaalii Nukilarii fi Misaa’elaa geggeessaa turte Xumuruu beeksifte

Hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un biyyi isaa yaalii nukilarii fi miisaa’elaa xumuruu beeksise. Prezdaant Kim Jong Un akka jedhetti, Sagantaan hujii Nukilarii gabbisuu fi Yaaliin Misaa’elaa biyyi isaa gaggeessaa turte karaa saayinsaawaa ta’een kan xumurame tahuu hime.

Ejensiin Odeeyfannoo Kooriyaa Kaabaa akka gabaasetti, Sagantaan Yaalii Misaa’ela fi Nukilarii fageenyaa gabaabaa fi Ardii qaxxaamjuruu Omishuudhaaf biyyattii gaggeessaa turte galma gayee jira. Kanuma hordofuun buufataaleen Yaalii Nikularii fi Misaa’ela kooriyaa Kaabaa kan cufamu tahuu gabaasni kun ni ibsa.

Kooriyaan Kaabaa fi Kooriyaan Kibbaa torbee dhuftu waldhabdee biyyoota lamaan jidduu ture furuuf ni mari’atu. Mariin kun ji’a tokko dura eega karoorfameen booda walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii fooyya’aa kan dhufe tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button