header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Kooriyaan Kabaa Ameerikaan qoqqobbii irra keette yoo kan hin kaasne tahe gabbisa Niwukilarii dhaabdee turte kan jalqabdu tahuu akeekkachiiste

Prezdaantiin Kooriyaa Kaabaa bara haaraya ilaalchisuun ergaa baga ittiin isin gahee ummata biyyattiitiif dabarse keessatti,  Ameerikaan ummata addunyaa duratti waadaa galte dhiisuun qoqqobbii biyya keenya irra keette yoo kan itti fuftu tahe, birmadummaa keenya kabachiisuudhaaf filannoo qabnu hunda ni fayyadamna jechuun dubbate.

 

Prezdaant Kim Jong Un wiirtuu gabbisa Niwuukilarii biyyattii tokko eega daaw’atee booda yaada kenneen, biyyi isaa Niwukilara fayyadamus tahee oomishuu dhiisuun tarkaanfiiwwan murteessoo tahan fudhattus, Ameerikaa irraa deebisaa quubsaa kan hin argatin tahuu hime. Prezdaantich ammas taanaan Traamp waliin wal argee mari’achuudhaaf qophii tahuu beeksise.

 

Prezdaant Donaald Traamp gama isaatiin ji’a gurraandhala dhufu Kim Jong Un waliin wal arguudhaaf kan karoorfate tahuu gabaafame. Kooriyaan Kaabaa yeroo heddu yaaliiwwan Niwukilaraa fi Misaa’elaa geggeessuu isiitiin, Ameerikaa fi Dhaabbatni mootummoota Gamtoomanii biyyattiin seera addunyaa cabsite jechuun qoqqobbii irra kaayuun isaanii ni yaadatama.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button