header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Koreen Fala Barbaadduu Hawaasa Muslimaa marii muummicha ministeeraa waliin geggeessaa oolan galgala kana milkaa’inaan xumuran

Dhuma marii kanaa irratti Koreen tokko qabxiilee ijoo jaha akka raawwachiisuuf garee sadi irraa akka haarayaatti kan dhaabbate tahuun beekameera. Haaluma kanaan Koree falaa barbaadduu hawaasa muslimaa irraa namoonni sadi, Majliisa irraayis namootni sadi akkasumas namoonni sadi ammoo jaarsoliin  garee lamaan irraa bilisa tahan filatamaniiru.

Walumaa galatti miseensonni Koree haaraya hundeeffamee saglan, Ustaaz Abubakar Ahmad, Ustaaz Ahmaddiin Jabal, Ustaaz Kaamil Shamsuu, Profeesar Idriis Muhammad, Profeesar Muhammad Habiib, Sheik Muhammad Jamaal Aggonaafir, Sheik Muhammad Amiin, Muftii Haaji Umar Idriis fi Sheik Khadiir Huseen tahuun beekamee jira.

Qabxiileen jahan Koreen haaraya hundeeffame akka raawwachiisuuf karoorfame maal akka tahee fi haala marii guyyaa har’aa ilaalchisee odeeyfannoo dabalataa akkuma nu dhaqqabeen isiniif dhiheessina.

koree web

 

 

 

One Comment

  1. ALHAMDULILLAH ALHAMDULILLAHi ALHAMDULILLAHi ALHAMDULILLAH sumaa ALHAMDULILLAH!!!!!!

    I’m so happy walhi! Waanti jedhu naa dhibee! Gabaabumatti bagaa Rabbiin nurraa kase ALHAMDULILLAHi!

    Rabbiin ustazota tenaa kaa akka Amaadin jabaal fi abuu bakkar kawwanis hundaa isaanitu umrii nuuf haa dheeressu in shaa allaah.

    Gafii baraa meqaa deebi argatee jechun waan heddu namaa gamachisu bagaa gamadan obboleewwan muslimaa ALHAMDULILLAH suma ALHAMDULILLAH!!!!!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button