header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Koreen Fala Brabaadduu Hawaasa muslimaa kora guyyaa boruu hawaasni dammaqinaan akka hordofu waamicha dabarse

Koreen Fala Brabaadduu Hawaasa muslimaa Kora ulamaa’otaa guyyaa boruu geggeeffamu ilaalchisee ibsa baaseen, milkaa’ini kora boru Ebla 23/2011 geggeeffamuu jalqaba deebisaa gaaffii hawaasa muslimaa waan tahuuf, qaamonni dhimmichi ilaallatu hundi gahee isaanii akka bahatan waamicha godhe.

Haaluma kanaan hawaasni muslimaa fi koreen fala barbaadduu hawaasa muslimaa kora boru geggeeffamu irraa dhimmoota gurguddo sadi kan eegu tahuu ibsame.

1.Boordii Majliisa Ce’umsaa hundeessuu
2.Majliisni seeraan alaa amma aangoo irra jiru guutumatti angoo lakkisuu
3.Mana marii ulamaa’otaa qaama hunda hammatu hundeessuun, dhimmoota hawaasni muslimaa eegaa jiru keessaa ijoo waan tahaniif bu’aan kanaa gadii tokkollee fudhatama kan hin qabne tahuu ibsi koree ni addeessa.

Haata’u malee hoggantoonni majliisa seeraan alaa gareewwan tokkummaa hawaasa muslimaa diiguuf socho’an waliin akka korri kun hin milkoofne socho’aa jiraachuu ibsi koree ni addeessa. Kanaafuu mootummaan gareewwan kora kana fashaleessuun hawaasa muslimaa dallansiisuuf socho’aa jiran irratti tarkaanfii akka fudhatu, hawaasni muslimaa ammoo adeemsa kora seena qabeessa kanaa dammaqinaan akka hordofu waamichi dhihaatee jira.

 

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button