header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Koreen jidduu galeessaa paartii naannoo Somaalee bulchaa jiruu naannichatti gochi garajabeenyaa raawwatamaa turuu ibse

Paartichi qorannoo guyyoota sagaliif geggeessaa ture eega xumuree booda rakkoowwan naannicha keessa turan ilaalchisee ibsa midiyaaleef kenne jira.  Ibsa kana irratti rakkoowwan nageenyaa, naannichatti yakki gudeeddaa, ajjeechaa,mirga lammiilee sarbuu fi gochi garajabeenyaa hedduun raawwatama turuu beeksiise.

 

Rakkoo Nageenyaa ji’a darbe keessa naannichatti uumameen, lubbuun nama hedduu ajjeefamuu, qabeenyi hedduun barbadaa’uu akkasumas manneen amantaa gubatuu fi yakkoota raawwataman kanaaf immoo qondaaltonni naannichaa aangoo irra turan kan itti gaafataman tahuus beeksise.

 

Hooggantoonni naannichaa yakka malamaltummaa, saamicha fi yakkoota addaa addaa kan raawwataa turan tahuus ibsaameera.  Paartichi Prezdaantiin duraani Obbo Abdii Illee fi hooggansi isaa bulchiinsa Abbaa ireeti ture jechuun ibse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button