header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tafakkur

KOROONAA MASJIDA CUFAA EENYUU YAADE?

KOROONAAN MASJIDA CUFAA EENYU YAADE
 
Duniyaa Rabbiin hoggaa ibsu: Qananii gabaabduu, tapha, tapha ittiin dagaman, bareedina yeroo, dhaaddannaa, wal dorgommii ilmaanii fii qabeenyaa, gammachuu yeroo fii waan kana fakkaatuun dubbate. Kana hunda wanni jedhuuf bakka irraa kaatee itti dhaabbattu qabdi. Du’aatu dhufee qananii, bareedina, gammachuu, dorgommii, heddumina yeroodhaa godha. Du’aan mi’aa fii bareedinni isii adda cita. Ni murama. Kanaaf Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam du’a hoggaa ibsu murtuu mi’aa duniyaa ja’aan.
 
Nama meeqa kan boqonnaa umrii (vacation) adda addaa keeysa jiru, kan mana haarawa tolfatee amma ani dulloomee nin boqodha, rahaan godha, xiqqo mi’aa isii tanan habbuqadha je’e, duuti dhuftee karatti jalaa murte. Koroonaan dhufee gammachuu fii boqonnaa namoota hedduu dhabama, nagaya adunyaatii fii wal keeysa yaa’uu qax godhe. Hanga salaata jam’aa gahutti wanni hundi kennaa Rabbiin kan yeroo Rabbii fedhetti namarraa fudhatu tahuu Rabbiin nuuf mirkaneeyse.
 
Nama meeqa eega dargaggummaa isaatii hanga koroonaan dhufuu kan jum’aa masjida malee salaatee hin beeyne? Meeqatami kan masjida Nabiitti sallallaahu aleeyhi wasallam umrii isaa guutuu salaataa turee fii salaatuuf murate, meeqatami kan ka’aba ganamaa fii galgala jalatti salaatuuf Rabbiin isaaf qoode, meeqatami kan waggaa hedduuf khuxbaa godhee ummata barsiisuurraa wanni isa shaakalu ni dhufaa hin yaadin. Kennaan Rabbii tan duniyaa hundi gaafa Rabbiin fedhe namarraa fuudhamti. Rabbiin duraan hime, “Malaa fii azaaba Rabbirraa tokkolleen of hin amanuu warra haqa didu malee.”
 
Qananii hedduu tan nuti ni fudhamtii inuma hin shakkine, mataarra nu hin dhufne, tan nuti abadan yaannee hin beeyne. Gaafa fuudhamte qofa arginee gaddine. Duniyaa keeysatti wanni hundi bakka itti dhaabbattu qabdi. Qananiin haraamii fii tan halaalis bakka itti dhaabbattu qabdi. Rahaan halaalii fii tan haraamis bakka itti dhaabbatu qabdi. Nama salaata jama’aa salaatuu tureef qananiin sanii olii hin jiru, nama jum’aa masjidatti salaatuuf torbaanirraa guyyaan akka jum’aa hin jiru, qananiin akka jum’aa hin dhufu, garuu qananii fii tola Rabbiin warra amaneef kenne malee dirqamaan waan nuti Rabbirraa fudhachuu dandeenyu miti. Dhaabbatee jira, muramee jira. Rabbiin ol tahe akki ja’u, “Rabbiin ummata tokko waan isaan qaban jalaa hin jijjiru hanga isaan waan ofii isaanii jijjiraniitti”
Namni yaade hin jiru! balaan hundatti buute. Qananii Rabbii yoo lakkooytan fixuu hin dandeeysan jedha Rabbiin. Ammas waan Rabbiin nuuf dhiiseetu hedduu, boru nuuf jijjira abadiin jettus guddoo.

6 Comments

  1. Jalqaba RABBI Isin nuuf haa jiraachisu jiraadha RABBI Waliin nuu haa jiraachisu.
    As.Alykm.War.Wab

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button