header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Korri Gamtaa Biyyoota Arabaa 30ffaan magaalaa Tuniis keessatti geggeeffamaa jira

Kora Gamtaa Biyyoota Arabaa 30ffaa Alhada har’aa Tuniisiyaa Magaalaa Tuniis keessaatti jalqabame kanarratti hoggantoonni biyyoota miseensa gamticha heddu kan argaman tahuu gabaafame. Dhimmoota ijoo kora kanaa jidduu tokko Tulluuwwan Suuriyaa Israa’el humnaan qabattee turte kan ilaallatu yoo tahu,  Ameerikaan torbee dabre Tulluuwwan Goolaan kana booda qaama dachii Israa’el jechuun beekkamtii kennite.

 

Labsii Ameerikaa kana UN dabalatee biyyoonni heddu kan balaaleffataa turan yoo tahu, biyyoonni Arabaatis yeroo jalqabaatiif dhimma kana irratti ijjannoo tokkoon murtii Ameerikaa kana balaleffataa jiran. Haalumaa kanaan sirna baniinsa Kora Gamtichaa irratti Malik Salmaan Bin Abdul’aziiz fi prezdaantiin Masrii Abdulfattaah Al-siisii  wal duraa duubaan haasaya godhaniin, “labsiin Ameerikaan Tulluuwwan Goolaan ilaachisee baaste birmadummaa Suuriyaa kan cabse waan taheef, sagalee guutuun ni balaaleffanna”jedhan.

 

Ajandaawwan kora kana kanneen biroo ammoo, lola Yaman, Walitti bu’iinsa Liibiyaa, gaaga’ama siyaasaa Suudaan fi dhimmi Falasxiin kan keessatti  argaman tahuu gabaafame.

 

Wal dhabbiin biyyoota galoo galaana Arabiyaa waggaa lama dura eega uumamee booda, hoggantoonni  Sa’uudii fi Qaxar yeroo jalqabaatiif kora kana irratti kan waliin hirmaatan tahuu gabaafame. Haata’u malee Amiirri Qaxar Sheikh Tamiim Bin Hammaad Al-Saanii sirna baniinsa kora kanaa booda gara Dohaa kan deebi’e tahuun beekamee jira.

 

 

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button