header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Korri guddina Diinagdee fi Hawaasummaa biyyoota Arabaa irratti xiyyeeffatu Beyruut keessatti geggeeffamaa jira

Kora Alhada har’aa Lubnaan magaalaa Beyruut keessatti jalqabame kana biyyoonni Arbaa 20 kan irratti hirmaataa jiran yoo tahu, biyyoota  Arabaa jiddutti Zooniin daldala bilisaa (Free Trade Zone)  haala itti hundeeffamuu fi dhiibbaa baqattoonni Suuriyaa biyyoota ollaa irratti fidaa jiran dabalatee,  ajandaaleen 29 mariidhaaf kan dhiyaatan tahuu gabaafame.

 

 

Prezdantiin Lubnaan Misheel Awun sirna baniinsa kora kanaa irratti haasawa godheen, biyyoonni Arabaa baqattoota Suuriyaa kuma dhibbaan lakkaahaman, Lubnaan irraa gara biyya isaaniitti haala deebifaman irratti karoora raawwii ifa tahe akka qopheessan fi hammasiifuu dhiibbaa diinagdee baqattoonni Lubnaan irratti fidaa jiran salphisuudhaaf deeggarsi akka godhamuuf gaafate.

 

Yeroo ammaa baqattoonni lammiilee Suuriyaa fi Falasxiin miiliyoona 1.5 Lubnaan keessa kan jiran tahuu ragaaleen ni mul’isu.

 

Prezdantiin Moriitaaniyaa fi Amiirri Qaxar sirna baniinsa Korichaa irratti kan argaman tahus, hariiroo biyyoota Arabaa jiddutti qabbanaahaa dhufeen wal qabatee,  biyyoonni heddu ministeerota haaja alaatiin kora kana irratti kan hirmaataa jiran tahuun beekamee jira. Amiirri Qaxar sirna baniinsa kora kana irratti hirmaachuun gara biyya isaatti kan deebi’e yoo tahu, maallaqa Dolaara biliyoona tokko kan deeggarsa diinagdee Lubnaaniif oolu gumaachuuf,  akkasumas baasii wal gahii kanaa hunda kaffaluudhaaf kan waadaa gale tahuu miidiyaaleen biyyattii gabaasan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button