header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Korri Komishiinii Ministeerota Ityoophiyaa fi Ugaandaa, magaalaa Kaampaalaa keessatti gaggeeffame

Korri marsaa 3ffaa Komishiinii Ministeerotaa biyyoota lamaanii bara kanaa guyyaa kaleessaa magaalaa Kaamapaalaa keessatti kan geggeeffame yoo tahu, Ministeerri haajaa alaa Obbo Gadduu Andaargaachaw, Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Obbo Lammaa Magarsaa fi Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dr. Injinar Silashii Baqqalaa gara Ugaandaa imaluun kora kana irratti hirmaatanii jiru.

 

Ityoophiyaa fi Ugaandaan kanaan dura dhimmoota siyaasaa, diinagdee, nageenyaa fi hawaasummaa irratti waliin hojjachuuf akkaatuma walii galaniin, xumura kora komishiinii ministeerota biyyoota lamaanii bara kana irratti,  paaspoortii dippiloomaasii fi tajaajilaa, lammiilee walii deebisuu, wal tumsa seeraa fi sirreeffamaa irratti walii galteen kan mallattaahe tahuu ibsame.

 

Haaluma wal fakkaatuun wal gahiin ogeeyyota siyaasaa fi diinagdee biyyoota lamaanii,  kora komiishinii ministeerotaa kana dura guyya lamaaf kan gaggeeffame tahuunis beekamee jira.

 

Jilli mootummaa Ityoophiyaa kun guyyaa har’aa ammoo hawaasa Ityoophiyaa Ugaandaa keessa jiraatu waliin kan mari’ate tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button