header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Korri tumsa diinagdee Ityoophiyaa fi Suudaan irratti xiyyeeffate Khaartuumitti gaggeeffamaa jira

Jilli mootummaa Ityoophiyaa itti aanaa muummicha ministeeraa obbo Dammaqa Makonniniin durfamu kaleessaa galgala Khaartuum kan seene yoo tahu, har’a ammoo qondaaltota biyyatti itti aanaa prezdaantii Suudaan Dr Usmaan Muhammad Yuusufin durfamu waliin mari’ataa jiran.  Korri tumsa diinagdee biyyoota lamaanii cimsuu kaayyoo godhate kun bara 2014 irraa eegalee kan geggeeffamaa jiru yoo tahu, kan baranaa kun marsaa 5ffaa tahuun beekamee jira.

 

Obbo Dammaqa Makonnin hirmaattota kora kanaatiif akka himetti, Ityoophiyaan hariiroo Suudaan waliin qabdu hunda cimsuu akka barbaadduu ibsuun, tumsa diinagdee qofa osoo hin taane dhimmoota nageenya naannoo eegsisuu irrattis Suudaan waliin hojjachuun murteessaadha jechuu isaa odeeyfannoon ni ibsa. Haaluma wal fakkaatuun itti aanaan prezdaantii Suudaan Dr. Usmaan Muhammad Yuusuf ibsa kenneen, Ityoophiyaa fi Suudaan yeroo kamiyyuu caalaa hariiroo isaanii cimsaa akka jiran hime.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button