header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Korri Walii Galaa UN, Wixinee  Hamaas balaaleffatu kan Ameerikaan qophaahe kuffise

Ameerikaan  “dhaabni Hamaas Gazzaa irraa haleellaan rokkeetii Israa’el irratti raawwataa jiru, yakka shororkeesummaa waan taheef Korri walii gala UN akka balaaleffatu”  jechuun wixinee kan dhiheessite yoo tahu, wixineen kun ragga’uudhaaf sagalee barbaachisu dhabuu isaatiin kan kufe tahuun beekamee jira.

 

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ambaasaadarri Ameerikaa  Niikii Heelii, Khamisa kaleessaa sagaleen kennamuun duratti, wixineen Ameerikaan qophaahe kun sagalee barbaachisu argatee akka ragga’uuf miseensota kora  walii galaatti warwaattus hin milkoofne.

 

Hoggantoonni Paartilee Falasxiin korri walii galaa UN wixinee Ameerikaan dhihaate kana eega kuffisee booda, “kufaatiin wixinee kanaa daba bulchiinsi Traamp Falasxiin irratti raawwataa jiru battalumatti kan fuulaan dhahe”jechuun ibsan. Dubbii Himaan Hamaas Saamii Abuu Zar “kufaatiin wixinee kanaa Ameerikaaf salphina yoo tahu, Hamaas garee seera qabeessa tahuu kan mirkaneesse”jedhe.

Haaluma wal fakkaatuun dubbii himaan dhaabbata Fataah Munir Al-Jaguub West Baank irraa ibsa kenneen, “Ameerikaan qabsoo Falasxiin yakkuuf yaaliin goote hin milkoofne, kun immoo qabsoo Falasxiiniif injifannoodha”jedhe.

Kora UN5

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button