header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Korri Waliigalaa Gamtaa Ulamaa’ota Addunyaa Istanbul keessatti geggeefamaa jira

Korri guyyaa jahaaf turu kun Sabtii kaleessaa kan jalqabame yoo tahu, Ulamaa’onni 1,500 ol biyyoota Addunyaa irraa gara Turkiyaa imaluun kora kana irratti hirmaataa jiran. Daayirektarri dhimmoota Amantaa Turkiyaa Ali Erbas sirna baniinsa Kora kanaa irratti haasaya godheen, “Muslimoonni Addunyaa hegeree wayyaawa tahe fiduudhaaf haala qabatama addunyaa irratti hundoofnee gamtaadhaan hojjachuu qabna”jedhe. Dabalataanis Ummata Muslimaa beekumsa irratti ijaaruudhaaf gaheen Ulamaa’otaa ol’aanaa tahuu ibse.
Dura taa’aan Gamtaa Muslimoota Addunyaa Dr Yuusuf Alqardaawii ammoo dhimmoota muslimaa irratti adda durummaan dhaabbachuu isiitiif Turkiyaa fi Bulchiinsa prezdaant Erdogaan galatoomfate. Dr Yuusuf “Turkiyaan bulchiinsa Erdogaan jalatti gama hundaan guddinaa cimaa keessa jirti. Muslimoota addunyaatii fi kanneen birootiifis erkoo tahuudhaan jaalalaa horataa jirtutti hinaafuudhaan, biyyoonni dhihaa Turkiyaa kuffisuudhaaf halkanii guyyaa hojjataa jiran”jedhe. Dr Yuusuf Alqardaawii yaada isaa itti fufuudhaan, Prezdaant Erdogaan hanga ummata addunyaa keessatti miidhame cinaa dhaabbatuu itti fufetti, gargaarsa Rabbii waan qabuuf shirri isaanii gonkuma isa hin kuffisu jedhe.
Korri Waliigalaa Gamtaa Ulamaa’ota Addunyaa guyyoota itti aanan keessatti Dura Taa’aa, Barreessaa fi Miseensota Boordii haaraya filachuun Khamiisa dhufu kan xumuramu tahuu gabaasni Anaadooluu Niiwus irraa arganne ni addeessa.

3 Comments

  1. masha allah tabaraka allah madha alla masha allah rabbin isa eeguu duniya wal akeyra baay.eeti nu gammada jira yero wa.e isa dhagenyuu rabbiin garani deemuti mirgafi bitatin malaika isaf ha kahuu
    alhamdulilah shukrin isa hin badiin warra isa jala deeme keyri dalaguus isa faana deeme gargaarus rabbin jazaa isani ha kafaluuf

  2. masha allah tabaraka allah madha alla masha allah rabbin isa eeguu duniya wal akeyra baay.eeti nu gammada jira yero wa.e isa dhagenyuu rabbiin garani deemuti mirgafi bitatin malaika isaf ha kahuu

  3. Masha Allah
    masha Allah
    masha Allah
    pirezdaanti turkiyya Rabbuman guddan umarii isaani haa dhereessuu. dalaga isaani kana anumafi isaanin haa jedhu kaa akka isaani nuuf haa heddumessu. adawin isaan Kuffisuuf hafyaa jirtuu yomuu bakka hin getuu, hin milkoftuu! rabbis hin milkessiin! adwii muslimaa rabbi dhabaa jaraa haa godhuu ☝

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button