header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Lafti Masjidni Sadarkaa Afrikaatti guddaa ta’e akka itti ijaaramuuf waadaa galame kennamuuf tahuu ibsame

Waggaa tokko dura jijjiirama siyaasaa biyyattiitti argame hordofuun, Muummichi Ministeeraa Abiy Ahmad magaalaan Finfinnee magaalaa waldeennaa gamtaaa Afrikaa tahuu isii hordofuun, Lafa Masjidni sadarkaa Afrikaatti guddaa ta’e itti ijaaramuu fi Salaanni Iidaa itti Salaataamu Finfinnee keessaa kennuuf waadaa galee ture.

Haaluma kanaan Majlisni magaalaa Finfinnee, xalayaa caamsaa 3/2012 Biiroo Misooma Lafaa fi Manaajimantii bulchinsa magaalaa Finfinneetiif barreesseen waadaan kun hanga ammaatti kan hojiirra hin oolfamin tahuu ibsuun, Iida al-Fixrii dura deebisaan akka irratti kennamuufii qabu gaafate.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee gaaffii dhiyaateef hordofuun, torban dhufu keessa caamsaa 12,2012 guyyaa arba’aa harka majlisa magaalaa Finfinneetti dabarsee kennuuf qophii tahuu ibse.

Haata’u malee lafti kennamuuf waadaa galame kun magaalaa Finfinneetti eessaa fi bal’inni lafa hammam akka ta’e wanti ibsame hin jiru.

8 Comments

  1. rabbiin irraa haa jalatu , kan arjomeef hundaa dabalata waqnii haa kenuuf. isiinis guyyaa guyyattii ergaa keessaan ummataa biran gahu kessaanif ulfaadha.

  2. As wr wb iinshaaallaah iinshaaallaah iinshaaallaah iinshaa allaah injifannoon kan ummata muslimaati

  3. اسلام عليكم ورحمة الله وبركاته

  4. اسلام عليكم ورحمة الله وبركاته leylatul qadrin salanii isaa akam salatamaa yokayuu rakaonii isaa meqaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button