header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Lakkoofsi lammiilee Ityoophiyaa qe’ee isaanii irraa buqqifamanii miliyoona 2.8 gahuu ibsame

Dhaabbata mootummoota Gamtoomanitti ejensiin daa’immanii, UNICEF ibsa baaseen lakkoofsi lammiilee qe’ee isaanii irraa buqqifamanii ji’a 6 dura miliyoona 1.6 ture, miliyoona 1.2 dabaluun yeroo ammaa miliyoona 2.8 kan gahe tahuu ibse.
Buqqifamtoonni  kunniin irra hedduun isaanii naannoo Oromiyaa, naannoo kibbaa fi naannoo Somaalee Ityoophiyaa keessaatti kan argaman tahuu gabaasni kun ni mul’sa.

Dhaabbatichi Buqqifamtoota kana deeggaruuf doolaara miliyoona 111.8 kan barbaachisu tahuu fi hanga ammatti maallaqni argame dhibbeentaa 31 qofa tahuus ibse.

Rakkoo nageenyaa kutalee biyyattii adda addaa keessati mul’ataa jiruu fi balaan uumamaa lakkoofsi buqqifamtootaa akka dabalu kan godhe tahuus ibsaameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button