header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KaanaadaaOdeeyfannooUSA

Lakkoofsi namoota Ameerikaa irraa gara Kanaadaatti baqatanii dachaa Afuriin dabaluun gabaafame.

Jalqaba ji’a Adoolessaa irraa kaasee torbee lama keessatti godaantonni Ameerikaa keessa jiraataa turan 3,800 ol, karaa seeraan alaatiin daangaa Kanaadaa qaxxaamuruun kutaa Kubeek kan seenan yoo tahu, lakkoofsi godaantota ji’a kana keessa kolugaltummaa gaafatanii kun  kan duraanii caalaa dachaa afuriin kan dabale tahuu odeeyfannoon BBC irraa argame ni addeessa.

Qondaaltonni dhimma godaantota Kanaadaa gama isaaniitiin;  daangaa Kanaadaa seenuun qofti koolugaltummaa kan hin keennisiisne tahu hubatu qabu jechuun akeekachiisan. Adeemsa dhimma godaansa mootummaa Kanadaa ilaalchisee, Odeeyfannoon dharaa miidiyaalee hawaasaa irratti lakkifamaa jiru, lakkoofsi godaantotaa akka dabaluu godhaa jiraatu ibsuun, mootummaan odeeyfannoo dharaa kana dhaabsisuuf yaalaa jiraatuun gabaafameera.

Zoom Property

Namoonni yeroo ammaa kana Ameerikaa irraa gara Kanadaa godaanaa jiran kun, irra hedduun isaanii namoota balaa kirkira lafaa bara  2010 keessa Hayitii keessatti muudateen walqabatee karaa seera qabeessa taheen Ameerikaa keessa jiraataa turan yoo ta’u, labsii pirezedaantiin Ameerikaa Donald Tiraamp ji’a caamsaa keessa labseen,  hayyamni jireenyaa yeroo murtaa’eef godaantota kanneeniif kennamee ture, Fulbaana 2018 wan dhumuuf akka biyyattii lakkisanii bahan jechuun isaa gabaafameera.

Mootummaan Kanaadaa hanga bara 2016ti lammiilee Hayitii koolugaltummaa gaafatan keessaa 50â„… kan tahaniif hayyamuun; kan hafan gara biyya isaaniitti deebise. Yeroo ammaa kana immoo godaantota kana Iddoo tokkotti walitti qabuun hanga dhimmi isaanii ilaalamee  murtii argatutti daangaa irratti dhoorkaa jiraatuu odeeyfannoon kun ni mul’isa.

Ministeerri Geejjiba Federaala Kanaadaa  Mark Garni’awu
“Daangaa Saint-Bernard-de- Lacolle irratti sochiin godaantotaa humna mootummaatii ol tahuu irraan kan kahe to’achuu hin dandeenye jedhe.

Yeroo Fulbaana 1/2017 hanga Adoolessa darbee jiru keessatti namoonni 7,500 ol karaa seeraan alaatiin Kanaadaa  seenuun koolugaltummaa kan gaafatan yoo ta’u, isaan jidduu 6,360 kutaa Kubeekitti tahuus gabaasni kun ni mul’isa..

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button