header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

Lammiilee Afrikaa miiliyoona 12 qorannoon godhameef jidduu miiliyoona 1.3 irratti vaayirasichi argamuu ibsame

Lammiilee Afrikaa miiliyoona 12 qorannoon godhameef jidduu miiliyoona 1.3 irratti vaayirasichi argamuu ibsame

Afrikaatti hanga ammaatti qorannoowwan laabraatoorii vaayrasii koroonaa miiliyoonni 12 ol kan gaggeeffame yoo tahu, namoota kanneen jidduu 10% irratti vaayrasiin koroonaa argamee jira.
Akka gabaasa Jiddugala To’annaa fi Ittisa Dhibeewwanii Afrikaatti, aardichatti hanga ammaatti namoonni miiliyoonni 1 fi kumni dhibbi 3 ol vaayrasichaan qabamanii jiru. Namoonni vaayrasichaan lubbuu isaanii dhaban ammoo kuma 32 ol akka gahanis gaabaasichi ni addeessa. Dabalataanis namoonni miiliyoonni 1 ol dhibee kana irraa dandamataniiru.
Namoonni vaayrasichaan qabaman 81% biyyoota 10 keessaa ta’uu torbee darbe jiddugalli CDC-Africa beeksisee ture. Haaluma kanaan Afrikaan Kibbaa 22% kan qabattu yoo ta’u, Moorookoon 21%, Ityoophiyaan14%, Liibiyaan 10%, Aljeeriyaan 4%, Keeniyaa, Naayjeeriyaa, Naamiibiyaa, Tuuniiziyaa fi Masri waligaalaan 2% qabatu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button