header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Lammiilee Oromoo naannoo Soomalee irraa buqqifaman magaalaa Adaamaatti qubsiisuun jalqabame.

Lammiilee Oromoo naannoo Soomalee irraa buqqifamuun Kampii adda addaa keessa turan manneen magaalota adda adda keessatti qophaa’anitti galchuun jalqabameera.

Manneen jireenyaa magaalaa Adaamaatti qophaa’anitti abbootiin warraa 474 maatii 2369 qaban kan qubsiifaman tahuu gabaasni waajjira dhimmoota Komunikeeshiinii Mootummaa magaalaa Adaamaa irraa bahe ni mul’isa.

Magaalaa Adaamaatti deeggarsa ummanni keenya kan biyya keessaa fi biyya alaa godhaa jiruun manneen 2000 ijaaruuf kan karoorfame yoo tahu, manneen 913 ijaarsi xummuramee abbootii warraa 474’f furtuun keennamuu odeeyfannoon kun ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button