header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Lammiileen Falasxiin magaala Alqudsi fi naannawa isii hundi salaata Iidul-Ad’haa Masjiid al-Aqsatti qofa tokkummaan salaatuuf kan qophaayaa jiran tahuu ibsame

Dhaabbiileen Falasxiin sadi ibsa har’a baasaniin, Alhada iftaanii masjiidonni Al-Qudsi fi naannawa isii hundi kan cufaman akka tahee fi Salaatni iidul-Ad’haa tokkummaan Masjiid al-Aqsatti kan salaatamu tahuu beeksisan.

Komishiinii dhimmoota amantaa Falasxiin, manni marii Ulamaa’otaa fi manni marii waqfi fi dhimmoota Islaamaa Falasxiin ibsa tokkummaan baasan kanaan, dhaabbileen Yahuudotaa Alhada dhuftu naannawa masjid al-Aqsaa humnaan weeraruun, muslimoonni akka hin salaatne jeequuf qophaayaa jiraachuun eega dhagayamee booda, murtiin iddoo tokkotti salaatuu kun kan dabre tahuu ibsan.

Dhaabbileen Yahuudotaa kunniin Alhada dhuftu ayyaana Yahuudotaa Tisha B’Av jedhamu dallaa Al-Aqsaa keessatti geggeessuuf mootummaa Israa’el kan gaafatan yoo tahu, haaluma wal fakkaatuun dhaabbileen Yahuudotaa June dabre Ji’a Ramadaanaa keessa poolisoota Israa’eliin dabaalamuun moora al-Aqsaa eega seenanii booda, Falasxiinota waliin kan walitti bu’an tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button