EeshiyaaOdeeyfannoo

Lammiileen Falasxiin uggura Israa’el cabsuun Jum’aa har’aa Masjid al-Aqsaatti kan salaatan tahuu gabaafame

Bulchiinsi Traamp “karoora nageenyaa maqaa” jedhuun wixinee dachii Falasxiinotaa guututti Israa’eliif kennu eega labsee booda, mootummaan Israa’el West Bank fi Al-Qudsi keessatti sochii Falasxiinotaa daranuu ugguruuf yaalaa jira. Haaluma kanaan waraanni biyyatti guyyaa kaleessaa irraa jalqabee naannawa Masjid al-Aqsaa cufuun, muslimoonni gara dallaa Masjidichaa akka hin seenne dhoorkuuf kan yaale tahus, Jum’aa har’aa lammiileen Falasxiin kuma 30 ol tahan uggura kana cabsuun Al-Aqsatti kan salaatan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Kanuma hordofuun walitti bu’iinsa Falasxiinotaa fi waraana Israa’el jiddutti uumameen, yoo xiqqaate namoonni 11 kan madaayan tahuu qondaaltonni Falasxiin beeksisan. Haaluma wal fakkaatuun magaalota Gazzaa, Al-Khaliil, Nabluus fi Qalqiliyaa keessattis ummanni kumaatamaan lakkaahamu hiriira mormii kan geggeesse tahuu Anaadooluu Niiwus gabaase. Falasxiiniin alattis lammiileen Urdun fi Paakistaanis labsii Ameerikaa mormuun Ammaan fi Islaamabaad keessatti hiriira geggeessanii jiru.

Falasxiinonni akka jedhanitti, “Israa’el seera addunyaa cabsitee dachii humnaan qabatte hunda dhuunfachuuf, maqaa wixinee nageenyaa jedhuun Traampitti fayyadamtee shira hamaa qopheessitee gadi baaste waan taheef, gonkumaa fudhatama hin qabu” jedhan.

Gama biraatiin ammoo bulchiinsi Falasxiin adeemsa biyya Falasxiin walaba taate hundeessuu ilaalichisee, torbee lama keessatti wixinee haaraya Mana Marii Nageenyaa Mootummoota Gamtoomaniitiif kan dhiheessu tahuu beeksise. Dubbi himaan Prezdaant Mahmuud Abbaas ibsa kenneen akka jedhetti “Ameerikaa fi Israa’el wixinee haaraya labsuun walii galteewwan kanaan duraa hunda ifatti cabsuu isaaniitiin, Falasxiin kana booda walii galtee kamiyyuu kabajuudhaaf dirqama tokkollee hin qabdu” jedhe. Haaluma kanaan ummanni Falasxiin hiree mataa ofii murteefachuuf karaa nagayaatiin qabsoo isaa cimsee kan itti fufu tahuu beeksise.

 

Tags
Show More

7 Comments

  1. Raabbii isiin haa biramatu inshall Allah
    zalamaa hunda kan diinii Raabbii midhuu deemu Raabbii sii hin milkeesin inshall Allah

  2. jabadha jajjabadha dalagaa keyrii irra jirtanii Rabbiin jaza keessan isinii hadebi'uu isin tokkomsitota muslimati jabadha says:

    abdu2020

  3. السلام عليكم ورحمةالله وبركاته أريد ان أنضم اليكم على قنات نورالهدى

...

Back to top button
Close
Close