header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Lammiileen Falasxiin Wixinee Bulchiinsi Traamp karoora nageenyaa jechuun qopheesse kuffisan

Prezdaant Traamp wixinee “karoora nageenya baha jiddu galaa”jechuun bulchiinsi isaa qopheesse, guyyaa kaleessaa muummicha ministeera Israa’el Benjaamiin Netaaniyaahuu waliin kan labse yoo tahu, bulchiinsi Falasxiin wixineen maqaa karoora nageenyaatiin dhihaate sanadii hammeenyaa fi yakka Israa’el seera qabeessa fakkeessuuf qophaahe waan taheef fudhatama hin qabu jedhe. Prezdaant Abbaas ibsa kenneen, “karoora tapha ijoollee fakkaatu kana eega dhageenye booda, deebisaan keenna yeroo kumaatama hin ta’u kan jedhu. Wixinee Ameerikaan qopheessite kana seenaa keessatti iddoon isaan malu boolla balfaa qofa”jechuun hadheeffatee dide.

Karoora maqaa nageenyaatiin Ameerikaan qopheessite kana keessatti Al-Qudsi/Jerusalem guututti magaalaa Israa’el qofa tahuu labsame. Donald Traamp karoora isaa kaleessa yemmuu ifa godhu, Falasxiinonni wixinee kana yoo kan fudhatan tahe, deeggarsa maallaqaa takkaahuu isaan hin argin ni kenninaaf kan jedhe yoo tahu, Mahmuud Abbaas dubbii Traamp kana “Falasxiin maallaqaan kan hin bitamne tahuu Traamp fi Netaaniyaahuun beekuu qaban”jechuun qeeqe.
Gareen Hamaas Gazzaa bulchaa jiru gama isaatiin ibsa baaseen, karoorri Ameerikaa naannicha gama lola hamaatti seensisuun ala bu’aa tokkollee hin qabu jechuun akeekkachiise. Haaluma kanaan dhaabbileen Falasxiin hundi garaagarummaa isaan jiddu jiru moggatti dhiisuun, mirga ummata Falasxiiniif tokkummaan akka dhaabbatan waamicha godhe. Waamicha Hamaas kana hordofuun Prezdaant Mahmuud Abbaas gara Gazzaa imaluun qondaaltota Hamaas waliin tokkummaa Falasxiin cimsuu irratti marii geggeessuuf waadaa galee jira.

Haaluma wal fakkaatuun laammileen Falasxiin kumaatamaan lakkaahaman Gazzaa, West Bank fi Urduun keessatti daanditti bahuun karoora Ameerikaa kana balaaleffataa jiran.

Gama biraatiin ammoo biyyoonni Islaamaa heddu karoorri Ameerikaa kun kan gama tokko qofa fayyaduuf bahe jechuun qeeqaa jiran. Prezdaant Erdogaan “karoorri Ameerikaan baafte haqa falasxiinotaa kan dabsee fi weerara Israa’eliif beekkamtii seeraa kan kennu waan taheef nageenya buusuu hin danda’u; dhimmi Al-Qudsi ammoo dhimma Falasxiinotaa qofa osoo hin taane dhimma muslimoota addunyaa waan taheefi Ameerikaan gonkumaa Israa’el badhaasuu hin dandeettu”jechuun ibse. Haaluma wal fakkaatuun Iraan fi Urduun karoora Ameerikaa kana fudhatama hin qabu jechuun didan.
Biyyoonni Arabaa heddu ibsa jalqaba irra kophatti baasaniin, Israa’el fi Falasxiin jiddutti marii jalqabsiisuuf yaalii bulchiinsi Traamp godhu kan deeggaran tahuu ibsuun, walii galteen godhamu hundinuu gamni lamaan kallaattiidhaan marii geggeessan irratti hundaayuu qaba jedhan. Haata’u malee Gamtaan biyyoota Araba Arba’aa har’aa dhimmicha irratti wal gahii ariifachiisaa eega geggeesse booda ibsa baaseen, Wixineen Ameerikaan qopheessite mirga Falasxiinotaa kan cabsu waan taheef fudhatama hin qabu jedhe.

Sanadii fuula 180 qabu kan maqaa karoora nageenyaa jedhuun qophaaye kana keessatti, Israa’eel dachii Falasxiin humnaan too’atte hunda akka dhuunfattu, bulchiinsi Falasxiinotaa humna nageenyaa akka diigu, dhaabbileen bilisummaa Falasxiiniif qabsaayaa jiran hundi akka diigaman, naannoleen daangaa Suuriyaa hanga Urduun jiran hundi kan Israa’el akka tahan, guutuu magaalaa Al-Qudsi Israa’el akka fudhattu qabxiilee jedhan kan of keessaa qabu tahuu gabaafame.

Falasxiinoonni akka jedhanitti, Ameerikaa fi Israa’el karoora kana yoo kan hin dhiisne tahe marii nageenyaa yaada jedhu hunda dhiisanii biyya Falasxiin walaba taate magaalaa guddoo Al-Qudsi waliin labsachuuf kan dirqaman tahuu ibsaa jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button