header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Lammiileen Iiraan magaalota biyyattii heddu keessatti hiriira gaggeessaa jiru

Guyyoota sadan dabraniif lammiileen Iiraan qaalayinsa jireenyaa biyyattii keessatti muudate sababeeffachuun hiriira mormii bahaniiru. Lammiileen biyyattii hiriira kana irratti hirmaatan, malaamaltummaa caasaa mootummaa biyyattii keessatti babal’atetu rakkina qaalayiinsa jireenyaa uume jechuun mootummaa balaalefatan.

Hiriirri Mormii magaalaa guddoo biyyattii Tehraan keessatti jalqabe gara magaalota biroottis kan babal’ate yoo tahu, mormitoonni poolisoota waliin kan walitti bu’an akka taheefi namoonni 50 ol tahan kan hidhaman tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.
Mootummaan Iiraan Diinagdeen biyyattii haala gaarii irra kan jiru tahus, Sababaa qoqqobbii Ameerikaan biyya isaanii irra keetteen qaalayiinsi jireenyaa kan mul’atu tahuu amananiiru. Mootummaan Iiraan akka jedhutti mormii ammaa kana gareewwan Ameerikaa fi Sa’udiin deeggaramantu qindeessaa jira jechuun yakke.

Guyyaa hardhaa ammoo lammiileen biyyattii kuma heddutti lakkaayaman, mootummaa deeggaruun hiriira bayaniiru. Mootummaan Iiraan kana booda hiriira seeraan alaa kamiyyuu humnaan too’achuuf dhaadateera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button