header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Lammiileen Isra’eel Benjamiin Netaniyaahuu Yakka Malaamaltummaa ittiin shakkameef akka adabamu gaafatan

Muummichi ministeera Isra’eel Beenjamiin Netaaniyaahuu waggaa darbe irraa kaasee hanga ammatti, Yakka malaamaltummaa galmee lamaan itti baname  qoratamaa jira.
Lammiileen Isra’eel kan magaalaa Telaviiv keessa jiraatanis Benjamiin akka adabamu jechuun torbee sadii dura hiriira bahuu kan jalqaban yoo tahu, guyyaa kaleessaatis magaalaa Telaviiviitti bahuun  dhaadannoo adda addaa dhageessisaa mummicha ministeera kan balaalefataa turan tahuu gabaasni Anadolu Niiwuus irra arganne ni mul’isa.
Benjamiin Netaniyahuutis yeroo adda addaatti yakki irratti dhiyaate maqaballeessa jechuun waakkatee jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button