header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Lammiileen Itoophiyaa Kuweet irraa deebifamuuf iddoo tokkotti walitti qabaman “haala yaaddeessaa keessa jira”jadhan

Ji’a tokko dura Kuweet dabalatee biyyoonni galoo galaana Arabiyaa lammilee biyyoota gara garaa kanneen waraqaa hayyama jireenyaa hin qabne, sababa tatamsaa’a dhibee Koroonaa Vaayiras hordofuun gara biyya isaaniitti kan deebisan tahuu ibsuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan lammiileen Ityoophiyaa 1445 ol tahan kanneen ji’a tokko dura Kuweet irraa gara biyyaatti deebifamuuf, iddoo jireenya isaanii irraa fuudhamanii, magaalaa Farwaaniyaa mana barumsaa tokko keessatti walitti qabaman haala lubbuu isaaniif yaaddeessaa tahe keessa jiraatuu himan.

Namoota rakkoo kanaaf saaxilaman jidduu namni dubbisne, yeroo dhibee Koroonaa Vaayiras ofirraa ittisuuf walirraa fagaatuu dirqisiifamaa jirru kanatti lammiilee biyya keenyaa dabalatee, lammiileen biyyoota gara garaa dhibee kanaaf saaxilamanii fi fayyaa qabanis iddoo tokkotti walitti qabamanii jiraatuu dubbate.

“Mootummoonni biyyoota gara garaa lammiilee isaanii gara biyya isaaniitti fudhataa jiran. Garuu gara mootummaa Itoophiyaatii yaaliin gara biyyaatti nu deebisuuf taasifame hin jiru. Sababa kanaaf sodaa dhibee koroonaaf saaxilamuu cimaatti jira”jedhe.

Itti dabaluunis “mootummaan Itoophiyaa fi qaamni dhimmi kun ilaallatu hatattamaan furmaata akka nuuf ka’u gaafanna” jedhan.

Kuweet, hanga guyyaa har’aatti namoonni 25,184 COVID-19’n kan qabaman yoo tahu, kanarraa namoonni 194 du’uun, Namoonni 9,273 ammoo dhibee kana irraa bayyanachuu odeyfannoon ni addeessa.

Odeeyfannoo biraatiin Itoophiyaan lammilee isii 600 ol kan sababa COVID-19, Lubnaan irraa gara biyyaatti deebifamuuf Walitti qabaman jidduu guyyaa kaleessaa namoota 300 gara biyyaatti deebifamuu gabaafame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button