Lammiileen Ityoophiyaa 368 Kan manneen hidhaa Sa’uudii keessatti hidhamanii turan gara biyyaatti deebifaman

Lammiileen har’a gara biyyaatti deebifaman kunniin, walii galtee mootummaa Sa’uudii fi qonsilaa Ityoophiyaa magaalaa Jiddaa jiddutti geggeeffame hordofuun, namoota dhiifamaan manneen hidhaa irraa lakkifaman tahuu gabaafame.

Guyyaa har’aa yeroo lammiileen kunniin buufata xiyyaara Boolee gahanitti, qondaaltonni ministeera haajaa alaa argamuun kan simatan tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Comments
Loading...