header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Lammiileen Ityoophiyaa Taanzaaniyaa keessatti hidhamanii turan gadhiifamuu gabaafame

Waajjirri ministeera haajaa alaa ibsa baaseen,  dargaggoonni lammiilee Ityoophiyaa 50 guyyaa har’aa mana hidhaa Taanzaaniyaa irraa kan gadhiifaman yoo tahu, dabalataanis lammiileen 450 achuma Taanzaaniyaatti hidhaarra jiran, gadhiifamanii gara biyyaa akka deebi’an hojjataa jiraachuu beeksise

 

Haaluma wal fakkaatuun guyyaa kaleessaatis lammiileen Ityoophiyaa 447 kanneen mana hidhaa Sa’uudii keessa turan gara biyyaa kan deebifaman tahuu beekamee jira. Lammiilee kanneen jidduu 387 dubartoota tahuu gabaafame.

 

Waajjirri Ministeera haajaa aalaa akka jedhutti,  lammiilee biyyattii biyyoota gara garaa keessatti rakkataa jiran hordofuun gara biyyaatti deebisuu kan itti fufu tahuu ibse. Haaluma kanaan Imbaasiwwanii fi Qonsilaawwan Ityoophiyaa biyyoota gara garaa keessa jiran, Dhaabbata Baqattoota Addunyaa waliin kan hojjataa jiran tahuu ibsame.

Lammiilee Ityoophiyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button