header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Lammiileen Oromoo daangaa naannoo Somaalee irraa buqqifaman godina Baalee keessatti rakkoo hamaaf saaxilamuu ibsan

Lammiileen  Oromoo  weerara liyyuu hayliitiin waggaa lama dura qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqifamanii, aanota gammoojjii Baalee keessa qubsiifaman rakkoo hamaa keessa  jiraatuu ibsan. Ummanni kumaa dhibbaa tokkoo ol tahu kan Aanota Godinaalee Baalee keessatti faca’ee argaman yeroo ammaa beelaa fi dhibeen kan dararamaa jiru tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Lammiileen daangaa irraa buqqifaman kunniin mootummaan rakkoo na geenyaa hanga ammaatti jiru furuun gara qe’ee fi qabeenya keennaatti nu deebisuu dhiisee, deeggarsa tokko malee gammoojjii jireenyaaf hin mijoofne keessatti nu dagate jechuun VOA’tti himan. Haaluma kanaan man guddoo fi daa’immaan isaanii beelaa fi dhibeen kan du’aa jiran tahuu ibsan.

 

Lammiileen qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqifaman kunniin,  yeroo ammaa Godina Baalee aanota 9 buufataalee naannawa gammoojjii jireenyaaf hamaa tahe 23 ol keessa faca’anii kan jiran yoo tahu, lammiileen buufataalee muraasa keessa jiran takkaahuu deeggarsa mootummaa irraa kan hin argatin tahuu, inumaayyuu aangowwonni mootummaa  kan isaan daaw’atanii  hin beekne tahuu ibsame.  Bufaataalee kanneen jidduu aanaa Laga Hidhaa iddoo Addeellee jedhamu keessaa ummannii kuma 26 ol rakkoo beelaa fi dheebuutiin kan rakkataa jiru tahu  odeeyfannoon ni mul’isa.

Aanaalee biroo ummaanni qe’ee isaa irraa buqqifame keessatti rakkataa jiru jidduu Daawwee qacan, Madda Walaabu fi Raayituu kan keessatti argaman tahuun beekamee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button