header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
BoohartiiOduu Ajaa'ibaa

Lammiin Faransaay tokko bineensota garaan lafarra looyan 400 waliin jiraata.

Qophii: Abu Bilaal Huseen

Manni jireenyaa Mr Philipp Gillet Fransaay gama dhihaa moggaa magaalaa Nantes, qarqara laga Royer’tti argama. Mana namticha kanaa yoo kan seentan tahe, Jawween Cobra jedhamu minjaala Bunaa irra ciisee, Buutiin( Alligator) meetra 3 dheeratu, tokko balabala dura, kan biraa ammoo siree irra ciisee argitu. Qocaawwan kilogram 50 ol olfaatan ammoo dallaya keessa oliif gad kan yaa’aan argitu jedha gabaasni Royters.

https://youtu.be/d1JdFG_AoKg

Mr Philipp Gillet umriin isaa 67 yoo tahu, waggaa 20 dura jaalala bineensota lafa irra looyan (reptiles) jedhamaniitin akka qabame dubbata. Gillet yeroo ammaa bineensota akka lootuu, bofa xaraa, buutii fi kanneen biroo walumaa galatti reptaayiloota 400 ol walitti qabe akka maatiitti mana tokko keessa waliin jiraata.

Mr Jilleet waa’ee bineensota kanneenii yemmuu dubbatu: “bineensota kanneeniif ilaalchi nuti qabnu sirrii natti hin fakkaatu, amala isaanii hubachuu irra, fagomatti sodaanna, inumaayyuu hedduu isaanii gar malee jibbina”jedhe.

Haa ta’u malee  namni kamiyyuu amala bineensota kanneenii eega bareen booda, salphatti waliin jiraachuu kan dandahu tahuu dubbata. Fakkeenyaaf jedha Mr Jileet, Buutii ykn Aligeetarii lamaan maqaa akka moggaaseefii, maqaa isaaniitiin yaamee foon lukkuu kan nyaachisu tahuu hime.

Mr Philipp Gillet bineensota kanneen horsiisuu fi qabatee imaluudhaaf mootummaa irraa hayyama kan qabu tahus, humni ittisa ibiddaa magaalattii  yoo balaan tokko muudate mana isaa seenuun rakkisaa tahuu akeekkachiIse. Mr Gillet garuu namoonni olla isaa sodaa tokko malee mana isaa kan seenan tahuu hime.

 

 

4 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button