header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Lammileen Falasxiin Gazzaa keessatti mormii guddaa geggeessaa jiran

Lammiileen Falasxiin mirga gara dachii Israa’el humnaan irraa isaan buqqifteetti deebi’uu gaafachuun, akkasumas uggurri waggoota 12 ol Gazzaa irra ture akka ka’u jechuun March 30/2018 irraa jalqabee mormii geggeessaa jiran. Haaluma kanaan waggaa tokkoffaa mormii kanaa sababeefachuun Falasxiinonni kumaatamaan lakkaahaman Sabtii har’aa Gazzaa keessatti mormii guddaa kan geggeessaa jiran yoo tahu, waraanni Israa’el  Falasxiinota mormii geggeessaa jiran irratti dhukaasuun yoo xiqqaate nama 30 ol kan madeesse tahuu Waldaan Baatii Diimaa Falasxiin beeksise.

 

Israa’el torbee dabre irraa jalqabee mormii kana ukkaamsuuf waraana dabalataa taankiin deeggarame daangaa Gazzaa irra qubsiisaa turte.

Mormii kanaan wal qabatee waraanni Israa’el waggaa tokko keessatti Falasxiinota 250 ol ajjeessuun,  kanneen kumaatamaan lakkaahaman ammoo kan madeesse tahuu odeeyfannoon ni ibsa.

Israa’el bara 1948 irraa jalqabdee Falasxiinota miliiyoonotaan lakkaahaaman humnaan dachii isaanii irraa buqqisuun, yahuudota biyyoota gara garaa irraa dhufan qubsiisaa jirti.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button