header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Lammileen Israa’eel sochii mootummaan biyyattii dachii Falasxiinotaa humnaan fottoqsuuf jalqabe mormuun hiriira geggeessan

Lammileen Israa’el kumaatamaan lakkaahaman, hiriira mormii Sabtii kaleessaa magaalaa Telaviiv keessatti geggeessan irratti, “sochii mootummaan dachii Falasxiinotaa fottoqsuuf jalqabe ni mormina; Israa’el dachii kanaan dura humnaan qabattes Falasxiinotaa haa deebistu; Naannichatti nageenyaa fi Dimokraasii qofa barbaadna”dhaadannoolee jedhu dhageessisaa akka turan odeeyfannoon ni addeessa.
Mootummaan Israa’el deeggarsa bulchiinsa Traamp irraa argataa jirutti fayyadamuun, dachii Falasxiin kanaan dura seeraan ala humnaan qabatee ture, guututti Israa’el jaatti galchuuf sochii jalqabuun isaa ni beekama. Karoorri muummicha ministeera biyyattii Benjaamin Neetaniyaahuutiin bahe kun, keessumattuu naannawa daangaa Urduun keessatti argamu Sulula Bahar Al-Mayyit jedhamu hunda isaa fi naannolee West Bank kanaan dura qubsiifni Yahuudotaa seeraan ala irratti ijaarame fottoqsuun Israa’el jalatti deebisuuf tahuu ibsame.

Bulchiinsi Falasxiin karoora Israa’el kana jalqabuma irraa kan mormaa ture yoo tahu, Israa’el karoora kana raawwachiisuu yoo kan itti fuftu tahe, Falasxiin walii galteewwan kanaan dura mallatteeffaman hunda keessaa kan baatu tahuu akeekkachiise.

Haaluma wal fakkaatuun Emreets dabalatee biyyoonni Arabaa heddu “karoorri Israa’el naannicha gara jeequmsa hamaatti kan seensisu”jechuun balaaleffataa jiran. Keessumattuu Urduun, dhimmichi Falasxiinota qofa osoo hin taane birmadummaa Ammaan kan cabsu waan taheef, mootummaan Israa’el dachii Falasxiinotaa fottoqsuuf yoo kan yaalu tahe, gonkumaa caldhistee kan hin ilaalle tahuu akeekkachiiste.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button