OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Lammileen Itoophiyaa Sa’uuditti hidhaman rakkachuu himan

Mootummaan Sa’uudii sababa dhukkuba Koroonaa-vaayrasiif ji’oota muraasa dura lammiilee biyyoota garagaraa hayyama jireenyaa hin qabne biyya isaaniitti kan deebisu tahuu ibsee ture. 

Kanuma hordofuun magaalota biyyattii garagaraatti Itiyoophiyaanoonni hedduun qabamanii mana hidhaatti dararfamaa jiraatuun dhagahame.

Akka namni Sa’uudii magaalaa Riyaad irraa dubbisne tokko ibsetti, tarkaanfiin kun Sa’uudii magaaloota hunda keessatti fudhatamaa jira. Garuu duraan nama hayyama jireenyaa hin qabne qofa irratti tarkaanfiin kun fudhatama ture. Amma ammoo nama lammii Itoophiyaa waraqaa hayyama jireenyaa qabuuf hin qabnees daandii irratti yoo argame tarkaanfiin kun kan irratti fudhatamu tahuu hime.

Itti ida’uun namni kun “duraan namoota waraqaa hayyama jireenyaa hin qabne qabanii biyyatti deebisuun baratamaadha. Haa ta’uu malee kan ammaa kun adda. Amma sababa kanaan manneen hidhaa gurguddoon magaalaa Riyaad keessatti argaman guutamanii namoonni hedduun alatti hidhamaa jiran” jedhe.

Hidhamtoonni hedduun haala fayyaa isaaniitif yaaddeessaa tahe keessa jiraachuus kaase.

Sababa mootummaan Itoophiyaa dhimma isaanii lafarra harkisee biyyatti isaan deebisuu dagateef manneen hidhaa kana keessa tursiifamaa jiraachuus dubbatan.
Odeeyfannoo walfakkaatuun Lammiileen Itoophiyaa ji’oota 3 dura Biyya Yaman keessaa Mootummaa Yamaniin Magaalaa Algahhaar, sa’aadaa fi Atiiq keessaa baafamanii daangarratti facaafaman Sa’uudii Mana hidhaa Jiizaan keessatti rakkoo cimaaf saaxilamaa jiraachuu gabaafame.

Baqattoonni kunneen gaafa daangaa Su’uudii irratti poolisoota Sa’uuditiin too’ataman namoonni muraasni yoo ajjeefaman, namoonni gariin madaa’anii, namoonni hedduun immoo saamamuu dubbatu. warreen too’atamanii yeroo ammaa mana hidhaa Jiizaan keessatti argaman.

Hidhamtoonni mana hidhaa Jiizaan keessatti argaman gara namoota 4000 tti kan tilmaamaman yoo tahu, mana tokko keessa Namoota 380 – 400 tahantu jiraata.

Lammiileen kunneen mana hidhaa kana keessatti rakkoo midhaan nyaataa, bishaan dhugaatii fi dhibee adda addaatiif saaxilamaa kan jiran yoommuu tahu, hoo’a dandamachuu dadhabuun sammuu tuqaman hedduun jiraachuus addeessaniiru. Kanneen qaamni isaanii laamshayee dhaabbachuu hin dandeenyes hedduudha.

Yeroo Koroonaa Vaayrasiin addunyaa weeraree Lubbuu namoota baay’ee galaafachaa jiru kanatti, nuti hidhamtoonni mana tokko keessa Namoota 400 ol ta’aniin jiraachun, dhukkubichi akka salphatti nu miidhuu dandaha sodaa jedhu kan qaban tahuu ibsatanii jiru.

Ji’oota muraasa dura Lammiileen kanneen Yeroo daangaa irratti harcaafaman Humnoota Mootummaa yeman Huutii fi Waraana Sa’uudi Arabiyaa jiddutti miidhamuun, Kanneen madaayan osoo yaala hin argatin mana hidhaa Jiizaan keessatti rakkoo hamaa kanaaf saaxilaman.

Lammiileen kun yeroo gara garaatti mootummaan itiyoophiyaa dirmateefi karaa Imbaasii Itiyoophiyaa Sa’uuditti argamuun akka gara biyyaa isaan deebisu iyyatanis hanga ammaatti qaamni isaanif dirmate kan hin jirre tahuu himan.

Tags
Show More

10 Comments

  1. yaaaa Rabbii kaa rakoo namaa basuu summu ati birmaadhufiii uuuuuuufffff garaa namaa nyuuttu walaahii

  2. As wr wb Akkamjirtan Qophessitota Nuralhudaa RabbinMiindaakessan jennataan isiniif Haakaffalu Ummattotarakkokessajiru RabbinBiradhabbatuu ☝️

...

Back to top button
Close
Close