header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

Leylatul-Qadriin yoomi? Yoo dhaqqabne maal jenna? Maal hojjenna?

Ramadaana kurnan boodaa edanu jalqabna. Edanu halkan 20 ti. Ramadaana dhaqqabuun carraadha! Eega Ramadaana simannees nama carraa qabuutu kurnan boodaa kana dhaqqaba. Yeroo tana daran Ibaadaatti jabaachuu qabna. Salaata halkanii, sadaqaa, Qur’aana qara’uu, dhugaa dubbachuufi fira maxxanfachuu qabna. Kheyriin as booda hojjannu galata dacha dachaan qabdi.

Leylatul-Qadriin halkan kam akka tahe nuuf hin himamne. Garuu halkan qarii/irruu 10nan boodaa keessa akka adamsinu ergamaan Rabbii Muhammad(SAW) nuuf dhaaman. Kanaaf walitti dhaabnee 10nan kana keessa Ibaadaa goona. Halkan qarii kurnan kanaa keessa Leylatul-Qadriin jirti. Leylatul-Qadriin halkan coolleedha, halkan Qur’aanni keessatti buufame. Halkan, yoo Iimaanaafi Rabbi irratti lakkaawwachaa Ibaadaan gaggeysine Diliin teenya nurraa haqamtu. Halkan 1chi sun, ji’a 1000 caala.
ï»ŸÙŽï»´Ù’ï» ÙŽï” Ù ïï»ŸÙ’ﻘَïªÙ’ï­Ù ï§ÙŽï»´Ù’ï®ÙŒ ﻣِﻦْ ïƒÙŽï»ŸÙ’ﻒِ (SAW)َﻬْï®Ù

Warri dur waggaa kumaa ol-faa jiraata. Nuti umriin isaanitti hin qixxaannu. Jarri dur dabre sun hanguma lubbuun turan Ibaadaas nurra hojjechuu dandahan. ‘Caalamne’ jannee akka harka hin kennineef garuu mala ittiin isaanitti qixxaannu Rabbi nuuf fide. Suniis Leylatul-Qadrii dha. Leylatul-Qadriin waggaa 83 fi ji’a 3 olitti shalaga. Halkan Leylatul-Qadrii 1 Ibaadaan yoo dabarsine, waggaa 83 ol Ibaadaa goone jechuudha. Halkan jechaan Azaana Maghribaa irraa kaasee hanga Azaana Fajrii jidduu yeroo jirtu tana. Jiddugaleessaan halkan Tokko Daqiiqaa 660 taha. Daqiiqaalee tanniinitti gaafa fayyadamne Leylatul-Qadrii arkanne jechuudha.

Ergamaan Rabbii(SAW) kurnan boodaa Ramadaanaa kana daran Ibaadaatti jabaata. Marxifatee halkan dhaabbata. Zikriin afaan irraa hin buutu. Salaataan adda hin bahu. Warra isaallee Ibaadatti kakaasa. Ummataas garanatti afeera.
“¢ ﻋﻦ ﻋïŽï‹ï¸ï” ï­ï¿ï»² ïï»Ÿï» ï»ª ﻋﻨﻬïŽØŒ ï»—ïŽï»Ÿï– : ï»›ïŽï»¥ ï­ï³ï»®ï»ïï»Ÿï» ï»ª : ﻳï ï˜ï»¬ïª ﻓﻲ ïï»Ÿï»Œï¸ï® ïï»·ï»­ïï§ï® ï»£ïŽ ï»» ﻳï ï˜ï»¬ïª ﻓﻲ ﻏﻴï®ï»© “»
“¢ ï›ï’ï– ï»“ï»² ïï»Ÿï¼ï¤ï»´ï¤ï»´ï»¦ “« ﻋﻦ ﻋïŽï‹ï¸ï” ï­ï¿ï»² ïï»Ÿï» ï»ª ï»‹ï»¨ï»¬ïŽ ï»—ïŽï»Ÿï– : ï»›ïŽï»¥ ï­ï³ï»®ï»ïï»Ÿï» ï»ª ï»ï» ï»° ïï»Ÿï» ï»ª ﻋﻠﻴﻪ ï»­ï³ï» ï»¢ ï‡ï«ï ï©ï§ï»ž ïï»Ÿï»Œï¸ï® (SAW)ïªÙŽÙ‘ ﻣïŒï°ï­ï»©ØŒ ï»­ïƒï£ï»´ïŽ ﻟﻴﻠﻪ ï»­ïƒï»³ï»˜ï»† ïƒï»«ï» ï»ª “» .
Namni Ramadaana irraa, akkasuma kurnan boodaa kana irraa hin milkaawin abaarsa qaba. Ergamaan Rabbii(SAW) kurnan boodaa kana I’tikaafa seena(Ibaadaaf Masjidatti gala). I’tikaafni Sunnaa dha. Warri dandahu seenee ergamaa Rabbiitti fakkaachuu dandaha. Kuunis bakka jiruu Ibaadaatti cichuu qaba. Heewasama duniyaa irraa Masjidatti galanii Ibaadaaf achi bahuun Ajrii guddoo qabdi.

Leylatul-Qadrii yoo dhaqqabne Du’aa’ii Allaahumma Innaka afuwwun tuhibbul afwa fa’afu annii tana jenna. “Yaa Rabbi ati irra namaaf dabarta. Irra namaaf dabrullee jaalatta. Yaa Rabbi Dilii tiyya irra naaf dabri” jechuudha. Namni Rabbiin Dilii akka isaaf dhiisu barbaadu, innis obboleysa isaatiif dhiisuu qaba. Obboleysa keetiif hamtuu garatti qabattee Rabbi hin kadhatin.

Yaa Rabbi Dilii hojjanne, irra nuuf kuti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button