header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Liibiyaa keessatti lola hammaachaa dhufe hordofuun mootummaan biyyatti Tripolii fi naannawa isiitti labsii yeroo muddamaa baase

Magaalaa Tripolii fi naannawa isiitti walitti bu’iinsa hidhattoota jiddutti uumameen, siviilota dabalatee hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 39 akka ajjeefamanii fi 100 ol ammoo kan madaayan tahuu Aljaziiraan gabaase. Kanuma hordofuun mootummaan biyyattii ibsa Alhada kaleessaa baaseen, “walitti bu’iinsi hidhattootaa hammaataa waan dhufeef,  nagayaa fi tasgabbii  ummaataa akkasumas qabeenya ummataa fi dhaabbiilee mootummaa badii irraa tiksuudhaaf jecha labsiin yeroo muddama labsame”jechuun beeksise.

 

Walitti bu’iinsa gareewwan hidhattootaa jiddutti torbee tokko dura dhoohe kanaan, namoonni heddu Rookkeettiiwwan nannawa jireenyaa irratti dhukaafamaniin kan du’an tahuun beekameera. Jiraattoonni naannichaa mootummaan walitti bu’iinsa kana dhaabsisuuf carraaqqii agahaa hin goone jechuun komatan.

 

Fincila bara 2011 keessa prezdantii  yeroo dheeraaf biyyattii bulchaa ture Mu’ammar Gadaafii taayitaa irraa fonqolche hordofuun, Liibiyaan hanga har’aatti jeequmsa hamaa keessa jirti. Biyyattiin yeroo ammaa humnoota lamaan kan bulaa jirtu yoo tahu, mootummaa beekkamtii UN qabu kan magaalaa Tripolii maandheffatee fi  Garee miseensota Paarlaamaa magaalaa Tobruk jedhamtu keessa mandheffate kan Jeneeraal Khaliifaa Haftaariin deeggaramuun bulaa jirti. Humnoota lamaan gurguddoo Liibiyaa bulchaan jiraniin alattis gareewwan hidhattoota nannaawa adda addaa to’atan biyyattii keessatti waan heddummaataniif, biyyattiin dirree jeequmsaa taatee itti fuftee jirti.

Liibiyaa2.jpg

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button