header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Lolli Hidhattoonni Naannoo Somaalee Magaalaa Mooyyaalee keessatti banan hammaatee itti fufee jira

Hidhattoonni naannoo Somaalee Arba’aa kaleessaa irraa jalqabee Magaalaa Mooyyaalee keessatti lola hamaa kan jalqaban yoo tahu, lolli kun guyyaa har’aatis kan itti fufe tahuun beekamee jira. Hidhattoonni kunniin meeshaalee waraanaa gurguddaan ummata irratti haleellaa kan raawwataa jiran tahuus odeeyfannoon jiraattota magaalaa Mooyyaalee irraa arganne ni ibsa.

 

Lola kanaan yoo xiqqaate  namoonni diigdamaa ol ajjeefamuun, dhibba tokkoo ol ammoo kan madaayan akka tahe odeeyfannoon ni mul’isa. Hidhattoonni naannoo Somaalee magaalaa Mooyyalee keessatti manneen jireenyaa fi daldalaa ibiddaan kan barbaadeessaa jiran jiran yoo tahu, Jiraattonni magaalaa Mooyyaalee fi naannawa isii lola kana jalaa baqatuun gara Keeniyaatti dheessaa jiraatuu gabaasni arganne ni addeessa.

 

Gama biraatiin ammoo Jiraattonni magaalaa Yaaballoo kumaatamaan lakkaahaman ganama har’aa irraa jalqabee, lola hidhattoonni naannoo Somaalee Mooyyaalee irratti banan kana balaaleffatuun hiriira mormii kan geggeessaa jiran tahuun beekamee jira.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button