Loltoonni Israa’el Falasxiinota Ajjeesan

Loltoonni Isra'eel Gaazaa fi West Bank keessatti Falasxiinota irratti dhukaasuun namootaa lama ajjeessan

Loltoonni Isra’eel Khamiisa har’aa Gaazaa fi West Bank keessatti Falasxiinota labsii Traamp mormaa turan irratti dhukaasuun, battalumatti namoota lama ajjeessuun, namoota sadi ammoo kan madeessan tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Namoota kanneen keessa tokko magaalaa Gaazaa iddoo Al-Bureeyji jedhamutti  kan ajjeeffame yoo tahu, kan lammataa ammoo West Banka magaalaa Naabluus cinatti mormii gaggeeffamaa tur irratti, rasaasa loltoonni Isra’eel dhukaasaniin kan ajjeeffaman tahu Ministeerri Fayyaa Falasxiin beeksise.

Comments
Loading...