header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Asallaa keessatti dargaggoonni heddu hidhaman

Pooolisiin Federaalaa fi Oromiyaa guyyaa har’aa dargaggoota magaalaa Asallaa haala nageenya magaalattii irratti  mari’ataa turan reebuun kan bittinneessan tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Guyyaa kaleessaa qophii simannaa Adda Bilisummaa Oromoo ilaalchisee,  dargaggoonni magaalattii  keessatti alaabaa addichaa dhaabaa fi halluu dibaa yeroo turanitti, dhalattoonni saba Amaaraa gurmaayuun dargaggoota kanneen jeequuf kan yaalan tahuun beekameera.

Kaleessaa waaree booda dhalattoonni saba Amaaraa magaalattii keessa jiraatan  Alaabaa addichaa dargaggoonni dhaaban buqqisanii cicciruun kan Minilik dhaabuu isaanii hordofuun, walitti bu’iinsi ka’e jechuun namni dubbisne nuuf hime. Akka namni kun jedhetti:

“Walitti bu’iinsa uumame kanaan guyyaa kaleessaa yoo diqqaate namni 50 ol miidhamee hospitaala magaalaa Asallaatti yalaama jira. Guyyaa har’aa immoo dargaggoonni walitti qabamnee dhimma nagayaa irratti osoo marii irra jirru, poolisoonni reebicha nurratti raawwatan”jechuun  nuuf hime.

Reebicha Poolisoonni har’a raawwatan kanaanis dargaggoonni heddu kan miidhaman tahuu namni dubbisne kun nuuf hime.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button