header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Asoosaa keessatti haleellaa lammiilee Oromoo irratti xiyyeefateen  lubbuun namaa dabre

Naannoo Benshaangul Gumuuz magaalaa Asoosaa keessatti dhalattoonni Saba Bartaa saboota biroo magaalattii keessa jiraatan irratti midhaa hamaa raawwataa jiraatuu odeeyfannoon argame ni ibsa. Haaluma kanaan hanga ammaatti namni tokko akka ajjeefamee fi namoonni heddu kan miidhaman tahuun beekame.

 

Jiraataan magaalaa Asoosaa akka nuuf himetti, sababaan jeequmsa kanaa dhalattoonni Oromoo magaalaa Toongoo keessa jiraatan, sabtii darbe deeggarsa muummicha ministeeraatiif hiriira nagahaa bahuu isaanii hordofuun, haleellaa waraanni naannichaa dhalattoota Oromoo irratti raawwateen kan walqabate tahuu dubbate. Guyyoota afran dabran  keessa aanaalee naannichaa heddu keessatti haleellaan lammiilee Oromoo irratti xiyyeeffate kan geggeffamaa jiru tahuu fi haalli amma magaalaa Asoosaa keessa jiru kan hammaate tahuu nuuf hime.

 

Jiraatan kun akka jedhutti, gochi yeroo ammaa magaalaa Asoosaa keessaatti raawwatamaa jiru dhalattoota Oromoo qofa irratti osoo hin taane dhalattoota naannoo biroo irra dhufan hunda irratti kan xiyyeefate tahuu hime. Haalli magaalattii keessa jiru hammaachuu irraa kan ka’e gad bahanii dukkaanaa waa bitachuun kan hin danda’amne tahuu nuuf ibse.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button